1Ijoolleen raattotaa Eelsaa'iin, «Huleen amma jiraata'aarru kun nutti dhiphateera.
2Kanaafuu gara laga Yoordaanosii dhandhee utubaa ijaarruun murree hulee keessa jiraannu haa ijaarruu!» jedhaniin.
Innillee, «Maarre deemaa'a!» isaaniin jedhe.
3Worra raattotaa keessaa namni tokko Eelsaa'iin «Ati nu woliin deemi» jedheen; innillee «Maarre hin deema jedhee,
4Isaan woliin deeme; akkuma laga Yoordaanosii bira gayaniin muka muran;
5Isaan keessaa namni tokko uduu utubaa muru qottoon inni utuba'aan mura'aaru buqqaatee bisaanitti jalaa bannaan, «Bade gooftaa kiyya! qottoon tun qottoo ergisaati!» jedhee iyye.
6Namni Rabbii Eelsaa'i, «Eessaan si jalaa itti badde!» jedhee isaa gaafate;
innillee hulee qottoon itti badde itti mudhifnaan, inni garuu muka muree bisaan irra buufnaan qottoon badde gubba'atti ol baate.
7Kanaan maayessa inni «Fudhadhu» jedheen; innillee harka ufii hiixatee fudhate.
Loltoonni Sooriya'aa Mooyataman8Mootiin biyya Sooriya'aa worra Israa'eliitiin wol lola'aa ture; ajajaa loltoota ufii woliin mari'atee «dhokannee asitti quphanna» jedhe.
9Namni Rabbii Eelsaa'i «Worri Sooriya'aa dhokatanii asitti quphataniiranii karaa kanaan hin lufin» jedhee gara mootii Israa'elii dhaamsa erge.
10Waan kanaaf mootiin Israa'elii loltoota achi jiraatan akka uf eeggatan waan taasiseef jabaatanii uf eega'aa turan; wonti akkanaa kun hennaa baay'eef deddeebi'ee raawwatame.
11Waan kanaaf mootiin Sooriya'aa guddisee gaddee loltoota ufii waamee «Yoo nu keessaa namni mootii Israa'elii woliin wolitti shariike jiraate natti hin himtanii?» isaaniin jedhe.
12Loltoota isaa keessaa namni tokko «Akkasii miti; waan ati golatti dhossa'aan dubbattu raattichi biyya Israa'elii Eelsaa'i mootii Israa'eliititti hima» jedheen.
13Innillee «Ani nama itti ergee isa qabsiisaa; hulee inni jiru soqaa'a» isaaniin jedhe; hennaa san raattichi Eelsaa'i Dootayiniin keessa akka jiru isatti himan.
14Mootichi biyya Sooriya'aa gara hulee Eelsaa'i jiruu faradoo, gaarii fardaatii fi loltoota baay'ee erge; isaanillee dhufanii halkaniin qachattii san marsan.
15Hennaa hojjataan nama Rabbii ganamaan ka'ee bawu ka loltoonni faradoon worri gaarii fardaa yaabbatanii lolan ka qachattii marsaniiran argee gooftaa ufiitiin «Bannee gooftaa kiyya! maal nuu woyya?» jedheen.
16Eelsaa'i garuu, «Worri nu woliin jiru worra isaan woliin jiran caalaa hin sodaatin» jedheen.
17Kanaan maayessa Eelsaa'i Rabbiin, «Yaa Rabbii kiyya! akka waa argu ija Giyaazii bani» jedhee kadhate; Rabbillee ija Giyaazii banee naannaya Eelsaa'ii faradoon akka ibiddaatii fi gaariin fardaa ka gaara irra guutaniiran arge.
18Hennaa worri Sooriya'aa gara isaa dhufan Eelsaa'i «Banii kana akka ija isaanii jaamsitu si kadhadha» jedhee Rabbiin kadhate. Rabbillee kadhaa Eelsaa'ii dhagayee ija isaanii jaamse.
19Kanaan maayessa Eelsaa'i isaaniin, «Karaan kanaa miti; qachattiinillee tanaa miti; nama isin barbaaddan isinitti mudhisaa isin masakkaa koottaa» jedhee gara Samaariya'aa isaan fide.
20Akkuma isaan gara Samaariya'aa seenaniin Eelsaa'i, «Yaa Rabbi! akka isaan waa arguu danda'an ija isaanii bani!» jedhee Rabbiin kadhate; Rabbillee ija isaanii banee isaanillee ijji isaanii banamee akka biyya Samaariya'aa keessa jiran uf argan.
21Mootiin Israa'elii worra Sooriya'aa hennaa arge Eelsaa'iin «Abbaa kiyya! isaan fixuu? isaan fixuu?» jedhee gaafate.
22Eelsaa'i isaan hin ajjeesin; kanniin dhiisiitii worra woraanaan loltee boojiteeyyuu ajjeesuu si hin barbaachisu; ati waan nyaatanii fi waan dhugan isaanii kenni; nyaatanii dhuganii gara biyya ufii haa deemanii» jedheen.
23Kanaaf inni waan nyaatanii dhugan isaanii qopheessee isaanii kennee haga nyaatanii dhuganiin maayessa isaan geegesse; isaanillee gara biyya ufii deeman; achiin maayessa loltoonni Sooriya'aa deebi'anii gara worra Israa'elii hin dhufne.
Samaariyaan Marfamtee Beelofte24Achiin maayessa mootiin biyya Sooriya'aa Wolda'aadeer loltoota ufii qabatee deemee Samaariyaa marse;
25Samaariyaa keessa beelli guddaan waan tureef sababaa beelaatiif gatiin mataa harree tokkoo saqilii saddeettama; udaan handari'ii giraama dhibba lamaa saqilii shanitti gurgurama'aa ture.
26Gaaf tokko mootiin Israa'elii uduu dallawa irra naannayu dubartiin takka laagaa ol qabattee «Mootii gooftaa kiyya! yabo'oo na gargaari!» jettee iyyatte.
27Inni garuu isi'iin «Ka Rabbi si hin gargaarre ani attamitti si gargaaruu danda'a? oobdii kiyya irraa moo hulee cuunfaa woyini'ii kiyya irraa waan si gargaaru sitti fakkaata?
28Rakkoon kee maali'i?» Jedheen; isiin garuu «Dubartittiin tun adha daa'ima kee nyaannee boru ammo daa'ima kiyya nyaannaa; daa'ima as fidi» naan jette.
29Akkuma isiin naan jette daa'ima kiyya affeellee nyaannee bariisaa san «Daa'ima kee as fidi hin nyaannaa jennaaniin isiin daa'ima ufii dhossite» jettee mootichatti himatte.Kes. Deb. 18:17; Far. Erm. 4:10
30Mootichi waan dubartittiin sun itti himte haga dhagaye uffata ufii tarsaasee dallawa keessa naannaya'aa ture; uffata ufii garaa jalaan uffata gaddaa ka uffateeru argan.
31Mootichi laagaa ufii ol qabatee, «Adha uduu aduun hin dhiine mataan Eelsaa'ii ilma Saafaaxii uduu hin muramne yoo bule Rabbi na haa ajjeesu» jedhee dubbate.
32Hennaa san Eelsaa'i jaarsota woliin mana ufii taa'a'aa ture; mootichi nama ergee namni inni erge sun uduu isaan bira hin geenne Eelsaa'i jaarsotaan «Ilmi nama nama ajjeesuu mataa kiyya mursiisu'uuf akka nama erge laalaa'a; hennaa inni dhufee balbala bira gaye akka mana hin seenne balbala cufaa'a; mootichillee isa faanaa dhufa'aaraa» isaaniin jedhe.
33Uduu inni kana dubbatee hin raawwanne namni ergamee dhufe sun Eelsaa'iin bira geennaan mootichi «Rakkoo kana maraa ka nutti fide Rabbi; kana caalaa badiin inni nutti fidu ka biraa maal eega?» Jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.