Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 36 - Kitaaba Woyyuu

Iyyoo'aakis Mootii Biyya Yihuuda'aa(Mot. 2ffaa 23:30-35)

1Baniin biyya Yihuuda'aa Iyyoo'aakisii ilma Iyyoosiyaasii bikka abbaa isaa Yerusaalemitti isa moosisan.

2Iyyoo'aakisi hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii sadihii ture; Yerusaalemiin keessatti ji'a sadihi bulche.

3Mootichi biyya Misirii Nikaa'uun Iyyoo'aakisiin hidhee baniin biyya Yihuuda'aa birrii saqilii dhibba tokkoo fi worqii saqilii tokko akka isa gabbaran taasise.

4Mootichi biyya Misirii obboleessa Iyyoo'aakisii Eeliyaaqee biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii irratti moosisee maqaa isaallee Iyyoo'aaqeem jedhee itti baase; Nikaa'uun Iyyoo'aakisii obboleessa isaa gara biyya Misirii fide.Iyyoo'aaqeemii Mootii Biyya Yihuuda'aa(Mot. 2ffaa 23:36; 24:7)

5Iyyoo'aaqeem hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shanii ture; Yerusaalemiin keessatti woggaa kudha tokko bulche; innillee Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan hamaa hojjate. ufii Sedeqiyaasiin biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii irratti moosise.Sedeqiyaas Mootii Biyya Yihuuda'aa(Mot. 2ffaa 24:18-20; Erm. 52:1-3)

11Sedeqiyaas hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii tokkoo ture; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa kudha tokko bulche.Qiroos Mootiin Biyya Faaresii Akka Baniin Biyya Yihuuda'aa Hulee Booji'amanii Deebi'an Ajaje(Izra 1:1-4)

22Dubbiin Rabbii ka raattichi Ermiyaas dubbate akka raawwatamuuf Rabbi Qiroosii mootii biyya Faaresii woggaa jalqabaa bulchiinsa isaa keessatti akka labsiin labsamuu fi akka barreeffamu isa kakkaase.

23Qiroos mootiin biyya Faaresii, «Rabbi Waandhi sami'ii mootota biyya lafaa maraa naa kenneera; Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa keessa jirtu keessatti akka mana isaa ijaaru na ajajeera; Rabbi banii isin keessa jiru maraa woliin haa jiraatu; kanaafuu worri nama Rabbii taatan maruu gara Yerusaalemii dhaqaa'a» jedhee labsii labsisiise.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help