Seera Laakkobsaa 27 - Kitaaba Woyyuu

Gaafii Ijoollee Intalaa Ta Tsaloofihaadii

1Gosa Minaase'ee, ilmi Yooseefii, ilmi Minaase'ee, ilmi Maakirii, ilmi Gala'aadii, ilmi Oofeerii ijoolleen intalaa ta Salapha'aadiillee hin dhufan; maqaan ijoollee intallan kanniinii Maalilaa, Nu'aa, Eeghaa, Milka'aa fi Tirsa'a.

2Isaan balbala daasee wol gayi'iititti Muusee, gadicha El'aazaarii fi bulchoota bani'ii maraa afoo dhaabatanii,

3«Abbaan keenna lafa gammoojji'iititti cubbuu ufiitiin du'e malee Qoree woliin Rabbitti ka'an hin turre;

4abbaan keenna yoma ilmallee hin qabnee gosa ufii jiddu'utti maaf maqaan isaa bada? Obboleewwan abbaa keennaa biratti ristii nuu kenni» jedhan.

5Muuseenillee waan isaan jedhan kana Rabbitti dhiyeesse.

6Rabbi Muuse'etti akkana jedhee dubbate.

7«Ijoolleen Salapha'aadii dhugaa dubbattee obboleewwan abbaa isaanii biratti ristii gayee abbaa isaanii kenniif.

15Muuseen Rabbiin akkana jedhe,

16-17«Baniin Rabbii akka tika tissee hin qabnee akka hin taane nama isaan afoo deemu, nama isaan bobbaasu, nama isaan baasee galchu, nama tokko isaanii muudi»

18Rabbi Muuse'een, «Nama Hafuura Rabbii uf keessaa qabu ilma Nawwe'ee Iyyaasuu fuudhiitii harka kee irra kaayi;

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help