Seera Uumamaa 6 - Kitaaba Woyyuu

Hammeenna Namootaa

1Hennaa fiixaan namaa lafa irratti baay'ata'aa deeme ijoolleen intallanii isaanii dhalatan. ijoollee namaa ta intallanii sanniin akka babbareeddan ta'an arganii worra jiran maraa keessaa filatanii fuudhan.

3Rabbi hennaa san, «Hafuurri Kiyya ka jireenna kennu baraa haga bara baraa isaan woliin hin jiraatu; namni waan foon uffataa ta'eef ammaa achi barri isaa woggaa dhibbaa fi diddama caalaa hin jiraatan» jedhe.

4Bara san worri «Neefliim» jedhaman ka hojjaan isaanii dhedheera'aa fi ka hunnaan nama caalan lafa irra jiran ture; achiin maayii ijoolleen Rabbii ijoollee intallanii ta namaa fuudhanii ijoollee uumatan; isaan bara san jajjaboota maqaan isaanii beekkame ta'an.

5Rabbi akka hammeenni namaa lafa irratti baay'atee fi yaanni onnee isaa hennaa maraa sirima akka hamaa ta'e arge.

17Ani waan lubbuu qabu ka Sami'ii gad jiru maraa balleessu'uuf lafa irratti bisaan badi'ii fidaa; uumamni lubbuu qabu ka lafa irra jiru maruu hin bada.

18Ani ammo si woliin waadaa gala; atii fi haati manaa tee, ijoolleen teetii fi haawwonni manaa ta ijoollee teetii gara markabaa seenaa'a.

19«Waan lubbuu qabu ka lafa irra jiru maraa keessaa dhala'aa fi kormaa lama lama godhii markabatti seensisi.

20Gosa allaatti'ii keessaa, busaawaa keessaa akka gosa isaaniitiin, waan gara'aan lafa irra looyanii fi waan sosocho'an maraa akka gosa isaaniitiin akka lubbu'uun jiraataniif lama lama ta'a'aa markaba haa seenanii;

21Akkasuma waan nyaataaf ta'u maraa wolitti qabadhu; kun si'ii fi isaaniillee nyaata ta'aa» jedheen.

22Noohillee waan Rabbi isa ajaje maraa godhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help