1Hafuurri Rabbii Azaariyaasii ilma Oodeedii irratti bu'e.
2Azaariyaas mooticha Aasaa bira dhaqee «Aasaa mooticha! na dhagayi! isinillee banii Yihuuda'aatii fi banii Biiniyaamii na dhagayaa'a! isin yoo Rabbiin woliin jiraattan Rabbillee isin woliin jiraata; yoo isa barbaaddan isa argattan; yoo isa dhiiftan garuu innillee isin dhiisa.
3Baniin Israa'elii bara hedduuf Waaqa dhuga'aa uduu hin qabaatin seeraa fi gadicha isaan barsiisullee uduu hin qabaatin jiraata'aa turan.
4Hennaa rakkatan deebi'anii gara Rabbii Waaqa Israa'elii deebi'anii isa barbaannaan isa argatan.
5Bara san namni bayee galu maruu nagaya hin qabu; biyya maraa irrattuu sodaa gudda'atu ture.
6Rabbi waan rakkinna maraan isaan hucuuca'aa tureef firri fira woliin, qachaanillee qachaa woliin wol lola'aa turan.
7Isin garuu jabaadhaa'a; hin dadhabinaa'a; hujii mishaa hojjattan maraafuu gatii argattanii» isaaniin jedhe.
8Aasaan dubbii kanaaf raaga raatticha Oodeedii ilma Azaariyaasii haga dhagaye hin jabaate; biyya Biiniyaamiitii fi biyya Yihuuda'aa maraa keessaa, qachoota ufii qabate ka Efreemii biyya gaaraa keessaallee waan jibbamaa maraa balleessee hulee ciinca'aa ka Rabbii ka mana Rabbii afoo jiru haarawoomse.
9Rabbi Waandhi isaa akka isa woliin jiru haga argan banii Israa'elii keessaa namoonni isatti dhiyaatanii waan turaniif worra isatti dhufee isa woliin jiru ka biyya Yihuuda'aa, ka biyya Biiniyaamii, ka biyya Efreemii, ka biyya Minaase'eetii fi ka biyya Simoonii wolitti qabe.
10Isaan maruu mootichi Aasaan mooyee woggaa kudha shaneesso'oo ji'a sadeesso'oo keessa Yerusaalemitti wol gayan.
11Boojuu guyyaa san booji'an keessaa gaaf san sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torbaa Rabbiif ciincessan.
12Rabbii Waaqa abboota isaanii onnee ufii guutu'uu fi garaa ufii guutu'uun isa waaqeffatu'uuf waadaa galan.
13Namni Rabbii Waaqa Israa'elii hin waaqeffanne nama guddaa ta'ee'e nama diqqaa'a, dhiira ta'ee'e intala akka ajjeefaman kakatan.
14Waadaa galan san eeguu ufii mirkaneessu'uuf laagaa ufii ol qabatanii maqaa Rabbiitiin kakatan; achiin maayessa xurumba'aa fi meeshaa laagaa guddaa dhageessisu ka faaru'uu afuufa'aa ililfata'aa gammachuu ufii ibsan.
15Namoonni biyya Yihuuda'aa maruu onnee ufii guutu'uun waadaa galuu ufiititti waan guddisanii gammadaniif Rabbiin barbaadan; Rabbillee isaan woliin ta'ee naannoo isaanii maraa nagaya godhe.
16Mootichi Aasaan akkawoon isaa waan waaqa tolfamaa hulee itti waaqeffatan jalatti hojjatteef hulee ulfinnaatii isii buusee waaqa tolfamaa isi'ii san caccabsee laga Qeediroonii biratti gube.
17Hulee itti sagadan ka gaara irraa garuu hin balleessine; Aasaan bara jireenna ufii maraa nama mishaa ture.
18Meeshaa adda addaa, birri'ii fi worqii inninii fi ka abbaan isaa woyyoomse sanillee gara mana woyyuu Rabbii ol galche.
19Bara Aasaan mooye haga woggaa soddomii shaneesso'ootitti sirima lolli hin jiru ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.