1Ka Yooseefiin akka gobbuu hoolotaatitti bobbaaftu;
yaa tissee Israa'elii nuu dhagayi;
ka Kiruubeeliin irratti teessoo irra teettu;
ifa kee keessaan mudhadhu.
2Efreem, Biiniyaamii fi Minaasee afo'otti;
ifii mudhadhu;
hunna kee sochoosi;
koottuu nu oolchi.
3Waandhana! nu deebisi;
akka oollu fuula kee nuu ibsi.
4Yaa Rabbi! Waaqa banii maraa!
haga yoomii
faatee banii keetiitiin lolta?
5Buddeena imimmaanii isaan nyaachifte;
akka bisaanii imimmaan isaan obaafte.
6Ollaa keennaaf sababaa gado'oo nu goote;
diintonni teennallee nutti kolfan.
7Waaqa banii maraa! nu deebisi;
akka oollu
fuula kee nuu ibsi.
8Jirma woyini'ii biyya Misiriitii fidde;
worra yihuudota hin taane ariitee
isii dhaabde.
9Lafa hin cirteef;
isiin hidda gad fageeffattee biyya guutte.
10Gaarran gaaddisa isi'iitiin uwwifaman;
birbirsoonni gugurdaanillee haafa isi'ii jalatti boqatan.
11Dameewwan ufii haga galaanaa;
luxuu ufii haga galaanaa dheereffatte.
12Eeganaa dhufa'aa lufaan;
akka daraaraa isi'ii guuratu
maaf kaloo isi'ii diidde?
13Booyyeen bosonaa bayee isii balleessa;
tinni raasa'aa maruu isii nyaata.
14Eeganaa Waaqa banii maraa
gara keenna deebi'i;
sami'ii gad laali; argi;
muka woyini'ii tana kunuunsi.
15Tun biqila harki kee ka mirgaa dhaabe;
biqiltuu ufii margisiifte.
16Isiin ibiddaan gubatteerti;
lolli fuula keetii isaan balleessa.
17Ilma namaa ka ufii jajjabeessite irraa;
nama mirga keetiin jiru irra harki kee haa ta'u.
18Ammaa achi si dhiifnee uf duuba hin deebinu;
jiraattota nu taasisi;
nullee maqaa kee waamnaa.
19Yaa Rabbi; Waaqa banii maraa!
nu deebisi;
akka oollu
fuula kee nuu ibsi.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.