1Daadhiin woyini'ii nama baldu;
dhuddoon jabaan nama lolaa nama taasisa;
worri kanaan dogoggore maruu ogeeyyi'ii miti.
2Lolli mooti'ii akka leenca aaduuti;
namni isa aarsu jireenna ufii rakkinnatti galcha.
3Lola irraa fagaachuun namaaf ulfinna;
garuu gowwaan maruu lolaaf jarjara.
4Namni amshaaggu yero'oon hin qotatu;
kanaafuu hennaa midhaan galfatan
inni womaa hin argatu.
5Yaanni garaa namaa akka bisaan qilee keessaati;
nama hubatu calla'atu achi keessaa woraabee baasa.
6Namni hedduu akka waan jaalala jabaa qabuu dubbata;
nama amanamaa garuu eentu argachuu danda'a?
7Balchaan jireenna mudaa hin qabne jiraata;
ijoolleen isaa ka isaan maayessa dhufanillee eebbifamtoota.
8Mootiin hennaa murti'iif teessoo ufii irra taa'u;
ija ufiitiin hammeenna maraa filee adda baasa.
9Sirima eennutu «Garaa kiyya qulqullinnaan eegeera;
ani qulqullu'u;
cubbuun na irra hin jiru» jedha?
10Madaala bifa lamaa;
safartuu bifa lamaa;
lamaanuu Rabbi hin ceem'a.
11Daa'imninuu waan godhuun qulqullu'uu fi
qajeelaa ta'uu beekkama.
12Gurra dhagayu; ija argu;
lamaanuu Rabbitu isaan hojjate.
13Hirriba hin jaalatin; ta'uu baannaan hin hiyyoomtaa;
ija banadhu nyaata irraa hafaa qabaattaa.
14Namni meeshaa bitu
«Hin dabalu, hin dabalu» jedha'aa busheessa;
yoo galu garuu akka itti biteen boona.
15Worqiin hin jira; wonti gatii gudda'aa diimaan guuteera;
arrabni beekkumsaan dubbatu garuu faaya hin argamne.
16Nama nama hin beennee wobii ta'e uffata isaa irraa mulqi;
nama dubartii yaantare'ee wobii ta'e jecha isaatiin isa qabi.
17Nama nyaanni inni sobaan argate itti mi'aaya;
dhuma irratti garuu akka hargiisaa itti ta'a.
18Gorsa gaafadhuu karoora baasi;
yoo ka lolaaf duultu ta'e qajeelfama fudhadhu.
19Namni nama hamatu dhossaa baasa;
kanaafuu nama oduu guddisu uf irraa fageessi.
20Namni abba'aa fi haadha ufii arrabsu
ifni isaa dukkana jaamii keessatti dhaama.
21Qabeenni jalqaba irratti dafee dhufu;
dhuma irratti eebba hin qabu.
22Namni yoo si miidhe «Deebi'ee haluu baya» hin jedhin;
Rabbiin eeggadhu inni si oolchaa.
23Bikkituu bifa lamaa Rabbi hin ceem'a;
madaalli sobaa hin jaalatamu.
24Deemsa namaa Rabbitu qajeelcha;
namni karaa ufii attamitti hubatuu danda'a?
25Jarjaranii woreega woreeguun;
haga woreeganiin maayessa gaabbuun namaaf siibo'o.
26Mootiin ogeessi hammeeyyii filee adda baasa;
dhiifama malee isaan adaba.
27Hafuurri namaa ibsaa Rabbiiti;
eennummaa keessa namaallee qoree laala.
28Jaalaltinii fi amanamummaan mootii eegan;
jaalalaan teessoon isaa jabaatee dhaabata.
29Jabeenni ulfinna dargaggeeyyi'iiti;
arriin ulfinna manguddootaati.
30Uleen nama madeessu hammeenna balleessa;
dhaanuun keessa namaa qulqulleessa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.