Raajii Isaayyaasii 56 - Kitaaba Woyyuu

Worri Ajajamu Maruu Hin Fayyan

1Rabbi banii ufiitiin akkana jedha,

«Hennaan ani fayyisu waan dhufuu fi

hennaan ani banii kiyya hambisu

waan dhiyaateef haqa eeggadhaa'a;

waan qajeelaallee hojjadhaa'a.

2Namni waan kana godhu ka jabeessee qabatu ka Sambata hin diinnee fi

ka harka ufii waan hamaa hojjachuu irraa dhooggu ka eebbaati.»

3Namni ormaa ka Rabbitti dhiyaate

«Rabbi banii ufii irraa na fooya» jedhee hin yaadin;

namni uumamaan uumatuu hin dandeenne

finna uumachuu dhabuu ufiitiin

«ani akka muka goga'aati» ufiin hin jedhin.

4Rabbi «worra uumamaan uumatuu hin dandeenne

ka sambata kiyya eegan, ka waan ani jaaladhu filatanii fi

ka waadaa kiyya eegu'uun jabaatan,

5Ani mana woyyuu kiyyaa fi dallawa kiyya keessatti

maqaa ijoollee dhiiraatii fi intalaa ittiin qaabatamtu caalaa isinii kenna;

maqaa bara baraa ka hin banne isinii kenna.»

6Worra biyya ormaatii dhufanii Rabbiin jaalatanii isatti dhiyaatanii fi isaa hojjatan,

worra Sambata isaa uduu hin diinne ka dubbii waada'aa eeganiin,

7Rabbi «Ani isaan gara gaara woyyuu kiyyaa fidee

mana kiyya ka faate'ee keessatti akka gammadan isaan taasisa;

ciincaa hulee ciinca'aa kiyya irratti naa dhiyeessanii fi

ciincaa biraallee ka isaan naa dhiyeessan isaan irraa fudhadha;

wonti ani waan kana godhuuf

manni kiyya mana baniin maruu keessatti

faateffatu jedhamee waan waamamuuf.»

8Rabbi Waandhi banii Israa'elii

ka hulee isaan itti bittinnaayanii isaan deebisu

«worra wol gaye kanaan alatti

worra biraallee isaanitti makee dachaasa» jedha.

Bulchoonni Israa'elii Balaaleffataman

9Baniin biyya ormaa akka busaaya'aa burraaqa'aa

banii liqimsu'uuf akka dhufan Rabbi isaan ajajeera;

Rabbi akkana jedha,

10«Worri Israa'eliin masakku balla'a;

isaan maruu beekkumsa hin qaban;

isaan akka sariin ciisanii, muganii, eebjotaniitii fi

ka dutuu hin dandeenneeti.

11Isaan akka sariin waa nyaattee hin quufneeti;

isaan tissee hubannaa hin qabne;

isaan maruu karaa ufii fedhan deeman;

maruu faayidaa ufiitiif fiigan.

12Isaan, ‹koottaa daadhii woyinii ka baye sondhee dhunnee quufnaa!

boru akkuma adhaa ta'aa;

sirimaa ka kana caalu ta'aa!› jedhan!»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help