1Rabbi akkana jedhee natti dubbate, Yihuudaan biyyoota banii biraatii addaa miti waan jedhaniif.
9Ani Beetishimiitii ba'aal jedhamtuu fi qachoota Qiriyaataayimii ka gurra dhagayan uduu hin hafne qachoota daangaa Moo'aabiititti eeggaman maruu akka diinaan badan taasisa.
10Ammaa achi Amoon akka mootummaa taatee hin beekkamne gofti biyya baya biiftu'uutii dhufan akka Moo'aabii fi Amooniin marsan godha.
11Ani Moo'aabiin hin adaba; isaan akka ani Rabbiin ta'e beekan» jedhe.Raaga Eedoomitti Raagame
12Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Baniin Eedoomii Yihuudaa irratti haluu hamaa bayaniiran; waan kana waan raawwataniif yakkamtoota ta'aniiran jedha Rabbiin maraa olii.
13Kanaafuu amma akka Eedoomiin adabuu fi namootaa fi horii achi jiru maraa akka balleessu beessisa; qachaa Teemaanii haga qachaa Daadaanii akka ona ta'an godha; baniin lolaan dhuman.
14Ani Eedoomiin karaa banii kiyya Israa'eliitiin haluu baya; worri Israa'elii akka hunna kiyya jaba'aatitti worra Eedoomii haluu bayan; worri Eedoomii akka ani Rabbi haluu isaan baye hin hubatan; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti» jedhe.Raaga Filisxeemitti Raagame
15Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Worri Filisxeemii diinummaa hin banneen haluu bayaniiran; haluun badi'ii kun garaa hammeennaan guuttameen ture.
16Kanaafuu Rabbi Gooftaan akkana jedha; ‹Ani worra Filisxeemiititti hunna kiyya fayyadamee worra Biriitaawotaa fixa; worra qarqara galaanaa biratti hafanillee hin balleessa.
17Adabbii kiyya ka aarii kiyyaan guuttameen guddisee haluu isaan baya; adabbii isaan irratti fiduun akka ani Rabbiin ta'e beekan.› »
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.