1Rabbi, «Bara san lafee mootota biyya Yihuuda'aa, lafee worra baallii qabanii, lafee gadootaa, lafee raattotaatii fi lafee namoota Yerusaalemiin keessa jiraataniillee awwaala keessaa guuranii bayan.
2Namoonni kunniin hennaa lubbu'uun jiran aduu, ji'aa fi urjii waan waaqeffata'aa isaaniillee waan sagada'aa turaniif lafee isaanii hin awwaalan; akkuma fisha'aatitti raasa'atti gatan.
3Baniin dhaloota hamaa kana irraa hafanii fi baniin hulee ani itti isaan bittinneesse jiraatan jireenna caalaa du'a filatan» jedha.
Adabbii Sababaa Cubbu'uu4Rabbi bani'itti akkana jedhii himi naan jedhe,
«Ka kufe hin ka'uu? ka karaa bade hin deebi'uu?
5Eeganaa isin baniin kiyya maaf gara kiyya deebi'uu diddanii
akkuma na irraa fagaattaniin haftan?
maaf gara waaqa tolfama'aa deebitan?
maaf gara kiyya deebi'uu diddan?
6Ani seeraan isin jalaa caqase;
isin garuu dhugaa hin dubbanne,
isin keessaa namni hujii hamaa ufiitiif
gaabbe tokkollee hin jiru;
namni yakki ani hojjadhe maali'i?
jedhee yaade hin jiru;
isin maruu akkuma farda lolaa garuma feetan fiiddan.
7Allaattiin samii irra barartuu hennaa ufii itti deebitu beetti
handariin, laakkamaa fi
cuquliifni hennaa itti waa jalaa baqatan hin beekan.
8Kanaafuu isin maaf nu ogeeyyi'i,
seera Rabbii hin beenna jettan?
barreessitoonni sobaa
akka seera kiyya balleessa'aaran arga'aa hin jirtanii?
9Ogeeyyiin keessan salphatanii siibo'oon qabamanii
malli isaan harkaa badeera;
isaan jecha kiyya dhiisaniiran;
eeganaa isaan ogummaa attamii qabaachuu danda'an?
10Kanaafuu ani qonna isaanii maraa namoota biraatiif kenna;
haadha manaa isaanii akka dhiirti biraa jalaa fuutu taasisa;
isaan gudda'aa haga diqqa'aa,
raattota, gadootaa fi
baniin maruu uduu hin hafne bu'aa ufiitiif jedhanii
soba'aa saaman.
11Madaa cabnana banii kiyyaa
akka waan taraarra'aatitti laalanii seeraan hin yaalan;
akkasuma uduma nageenni hin jirre
‹nagaya nagaya› jedhan.
12Banii kiyya! hennaa waan nama jibbisiisu kanniin maraa gootan saalfattanii beettuu? saalfachuu dhiisa'aatii ijumaa gad hin qabanne; kanaafuu akkuma kuuwwan kufan isinillee hin kuftan; adabbiin ani isin adabu dhuma keessan ta'a; waan kana ana Rabbitu dubbate.
13Akkuma qonnaan bulaan midhaan ufii wolitti qabatu anillee banii kiyya wolitti qabuu barbaade; isaan garuu akka biqiltuu woyini'iitii fi akka muka hurbu'uu ka daraaraa hin qabnee ka baalli isaa irraa harca'ee na jalaa ta'an sababaa kanaaf lafa isaanii kenne akka worri ormaa jalaa fudhatan taasise.»
14Baniin Rabbii akkana jedhan, «Maaf cadhifnee teenna ree? Rabbi Waandhi keenna du'a nutti fideera; waan isa yakkineefillee akka nu bisaan hadhaayaa dhunnu nu taasiseera; koottaa'a! gara qachoota kushee itti ijaaranii fiinnee dhandhee achitti duunaa.
15Hennaan nagayaa fi fayyummaa itti argannu hin dhufa jennee hedannee turre, sababaa kanaaf raafamnee hawwiin keenna duwwaa ta'ee hafe.
16Diintonni teenna dhufanii qachaa Daanii gayaniiran; hirphi kottee faradoo isaaniillee hin dhagayama; hennaa faradoon isaanii himimsan lafti hin sochooti; wonti diintonni teenna dhufaniif bani'ii fi waan qachoota keessa jiru maraa balleessu'uuf»
17Rabbi akkana jedha, «Uf eegaa'a! ani bofaa fi buutii hadhaa qabu ka worri asmaa hojjatan ziiri'iin dhoogguu hin dandeenne isinitti erga; isaan isin iddan»
Ermiyaas Waan Bani'iitiif Gadde18Ermiyaasillee, «Gadda ani obsuu hin dandeenneetu na irra gayeera;
onneen tiyyallee guddiftee hadooddeerti.
19Mee na dhagayaa'a! «Rabbi deebi'ee Tsiyooniin keessatti hin argamuu?
mootiin Tsiyoonii deebi'ee achi keessa hin jiraatuu?» jedha'aa
hennaa baniin kiyya lafa maratti iyyan dhagaya'aara;
Rabbi mootiin isaanii
«waaqolee tolfamaa waaqeffachu'uu fi waaqolee ormaatii sagada'aa wonti na aarsitaniif maali'i?» jedhee isaanii deebisa.
20Baniin, «Jiini midhaan itti galfatan lufeera; bonnillee dhumeera;
nu ammallee rakkinnuma keessa jirra!» jedha'aa iyyan.
21Waan baniin kiyya gaddeef anillee gaddee
sodaata'aa booya.
22Biyya Gala'aadii keessa qorichii akka dhadha'aa dibatan hin jiruu?
worri nama yaalan achi keessa hin jiranii?
eeganaa wonti baniin kiyya hin fayyineef maali'i?
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.