1Mootichi Daawiti bulchoota loltoota kumaatii fi bulchoota loltoota dhibbaa woliin mari'ate;
2Achiin maayessa inni banii Israa'elii maraan, «Yoo isin waan kana maarre jettanii fi yoo fedha Rabbii ta'e gara qachoota namoonni keenna worri gadootaatii fi worri Leewwotaa keessa jiraatanitti namoota erginee akka dhufanii nu woliin wol gayii godhan haa goonuu;
3Saanduuqa waadaa Rabbii ka bara mootii Saa'olii lash itti jennee dhiifne dhandhee haa finnuu» isaaniin jedhe.
4Wonti inni jedhe kun waan banii gammachiiseef baniinillee haa ta'uu jedhe.
5Kanaafuu Daawiti Saanduuqa Waadaa Rabbii Qiriyaatiyi'aarimii gara Yerusaalemii fidu'uuf banii Israa'elii gara kibbaatiin haga daangaa biyya Misirii; gara kaabaatiin haga karaa gara Hamaatii fiduu wolitti qabe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.