Raajii Isaayyaasii 58 - Kitaaba Woyyuu

Sooma Dhuga'aa

1Rabbi akkana jedha,

«Uf hin qusatinii akka xurumba'aa

laagaa kee ol qabadhuu iyyi!

banii kiyya Israa'elitti hammeenna isaaniitii fi

cubbuu isaanii himi.

2Isaan hennaa maraa na arguu barbaadan;

karaa kiyya beekuu barbaadan;

isaan hennaa maraa akka waan qajeellummaa kiyya raawwataniitii fi

akka banii ajaja Waaqa isaanii hin dhiifneetitti murtii qajeelaa na kadhatan;

gara ana Waaqa isaanii dhiyaachu'utti gammadan.»

3Baniin «Nu hin soomna ati garuu nu hin laaltu;

yoo ati ka nu hin laalle ta'e

nu maaf si afo'otti gad uf deebifna ree?» jedhan.

Rabbi akkana jedha,

«Isin hennaa soomtan fedha onnee keessanii raawwattan,

hojjattoota keessan hin miitan.

4Soomaan maayessa isin waan wol lola'aa

gadoo taataniif garaa jabaattanii tontoommo'oon

wol dhooftan;

soomni waan kanniin godha'aa soomtan

akka faateen teessan isinii dhagayamtu hin godhu.

5Isin hennaa soomtan uf miitan;

isin akka leemman quureetitti gad dachaatan;

daaraa ufitti firfirsitanii,

uffata gaddaa afattanii raftanii?

soomni isin soomtan kanaa?

Ani sooma akkanaatitti waan gammadu seetanii?

6«Soomni ani itti gammadu

ka isin haada sibiilaa ka cunqursa'aa kuttanii

worra cunqurfaman cunqursaa jalaa akka baaftaniifii mii?

7Nyaata keessan akka worra beelayanii qooddan,

akka hiyyeessa hulee bulu hin qabne bulchitan;

worra daare akka uwwiftanii fi

akka fira keessan nafaan hin dinneefii mitii?

8«Yoo waan kana gootan akka biiftuu ganamaa iftan;

daddaftanii fayyitan;

ka isinii murteessu isin afoo ta'a;

ulfinni Rabbii duubaan irkoo isinii ta'a.

9Achiin maayessa isin na kadhattan;

anillee kadhaa keessan isinii dhagaya;

gargaarsaaf natti iyyattan

anillee isinii jira isiniin jedha;

isin qambara rakkinnaa yoo nama irraa kaaftan,

dubbii dharaatiif qubaan nama mudhisuu yoo dhiiftan,

10Nyaata keessan yoo worra beelayanii qooddan,

worra rakkatan yoo gargaartan

ifti keessan dukkana keessatti ifa;

dukkanti keessanillee akka aduu guyya'aatitti ifa.

11Ani hennaa maraa isin masakka;

lafa bonaatittillee fedha keessan guuta;

lafee keessan hin jabeessa;

isin akka hulee dhaaba bilqiltu'uu

ka hennaa maraa bisaan dhuguutii fi

akka burqaa bisaanii ka hennaa maraa hin gonnee taatan.

12Baniin keessan waan kanaan dura diiggame

bu'uura waan diiggamee san irratti deebisee ijaara;

kanaafuu isin

‹Banii dallawa diiggame deebisee ijaaruu fi

manniin diiggame haarawoomsu› jedhamtanii waamamtan.»

Gatii Sambata Kabajju'uun Argamu

13Rabbi akkana jedha,

«Guyyaa Sambataatiin fedha keessan raawwachu'uuf

guyyaa kiyya ka woyyoome uduu diiguu baattanii,

Sambata kiyya ka nama gammachiisu,

guyyaa kiyya guyyaa woyyuu Rabbi woyyoomse yoo jettan,

fedha keessaniif hajaa keessan raawwachu'uuf

gara ufii feetan deemuu dhiiftanii Sambata kiyya yoo kabajjitan,

14Ana Rabbitti gammaddan;

lafa irratti hulee kabajja'aa irra isin jiraachisa;

midhaan lafa abbaa keessan Yaaqoobiin dhaalchise irraa

akka nyaattan godha;

ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help