1Yaa Rabbi! qortee na beetteerta.
2Ati taa'uu fi ka'uu kiyya hin beetta;
yaada garaa kiyyaallee hin hubatta.
3Taa'uu fi dhaabachuu kiyya adda baaftee beetta;
karaa kiyya maraa hubatteerta.
4Yaa Rabbi! uduu dubbiin afaan kiyyaa hin baane;
ati maraa beetta.
5Ati afo'oo fi duuba kiyyaan na golgitee;
harka kee na irra keette.
6Beekkumsi kee guddisee gad fago'o;
haga ani hubachuu danda'uu oli.
7Hafuura kee jalaa eessa dhaqa?
Si afo'oo dheessee eessa dhaqa?
8Yoo gara sami'ii baye ati achi jirta;
yoo gara asaabaa gad bu'e ati achillee hin jirta.
9Koola baasee baya biiftu'uutii ka'ee uduu bararee;
haga dhuma daangaa galaanaa uduu dhaqee;
10Achitti argamtee harka keetiin na masakkita;
harka kee ka mirgaatiin na qabda.
11Dukkanaan «na dhossi» yookaan
ifaan «dukkanatti naa jijjiirami» uduu jedhee
12Dukkanni si bira hin jiru;
halkan akka guyya'aatitti ifa;
kanaaf si biratti halkanii fi guyyaan garaa garummaa hin qabu.
13Ati kalee tiyya uumte;
garaa haadha tiyyaa keessatti midhaassitee na uumte.
14Akka maalale'ee fi nama ajaa'ibsiisu ta'ee waan dhaladheef si galatoonfadha;
hujii kee maalalchiisaa ani sirri'itti beeka.
15Hennaa ani dhossa'atti hojjatame
hennaa lafa jalatti wolitti qamashame
nafti kiyya si jalaa hin dhokanne.
16Uduu ani hin dhalanne na argite;
guyyaan kiyya duruma galmee kee irratti galmaayeera.
17Waandhana! yaanni ati naaf qabdu kabajjama'a!
laakkobsi isaa hagam baay'ata!
18Yaanni kee uduu laakkayee
xidhacha galaanaa caalaa baay'ata;
hin ciise, hin ka'e;
ammallee ani si woliin.
19Waandhana! maal uduu hammeeyyii balleessitee!
namoota dhiiga dheebottan! na irraa fagaadhaa'a!
20Isaan waan kee waan hamaa dubbatan;
diintonni kee duwwamatti sitti ka'an.
21Yaa Rabbi! ani worra si jibbu guddisee jibba,
worra si didanillee guddisee shakka.
22Guddisee isaan jibba;
diina natti ta'aniiran.
23Waandhana! na qorii onnee tiyya beeki;
na laali yaada kiyyallee beeki.
24Na keessa yoo balleessaan jiraate laali;
karaa kee ka bara baraa keessa na masakki.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.