Kitaaba Iyyaasu'uu 16 - Kitaaba Woyyuu

Lafa Gosa Efreemiitii Fi Gosa Minaase'eetii Kennan

1Lafti ijoollee Yooseefiitiif kenname Yoordaanosii baya biiftu'uutii jalqabee gara kolba gaara lafa gammooji'iitiin Iyyaarikoo irraa Beeteeliin gaya.

2Beeteeliin irraallee haga Looza'aa dhaqa. Gara kolba daangaa worra Arkaanotaatiin haga biyya Axaarootii gaya.

3Gara dhiyaatiin haga daangaa worra Fileexootaa ka daangaa Beetihaarooniitii haga Geezirii gad bu'a. Huleen bayaniinillee cinaa galaana gudda'aatiin.

4Ijoolleen Yooseefii Minaaseenii fi Efreemillee lafa ufii dhaalan.

5Daangaan ijoollee Efreemii akka worra isaaniitiin kolba baya biiftu'uutiin lafti isaanii Axaarooti'adaariitii haga Beetihoonii gaya.

6Daangaan isaanii achillee lufee galaana guddaa bira gayee gara dhiyaa Mikimta'aatii haga lafa mirgaa gaya; daangaan isaanii gara baya biiftu'uutiin naannayee Ta'aanaat Seeloo gaya; gara baya biiftu'uutiin Iyyaanookiin bira lufa.

7Iyyaanookii haga Axaarootinaa, Na'aaraatiin gayee Iyyaarikoo bira gara Yoordaanosii ol baye.

8Daangaanillee Taaphuwwa'aa gara dhiyaatii haga laga Qaana'aa lufa; huleen bayaniin galaana guddaa biraan ture. Lafti ijoollee Efreemii akka gosa isaaniitiin kana ture.

9Kun worra lafa ijoollee Minaase'ee keessa jiranii fi gandootaa fi qachoota ijoollee Efreemiitii kennan wolitti qabata.

10Isaan worra Kana'aanii Geeririin keessa jiraatan hin ariine; haga adhaallee worri Kana'aanii ijoollee Efreemii woliin jiraatan; haga adhaatitti hujii hunnaa isaan hojjachiisan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help