1Biyyi ijoolleen Israa'elii dhoofte dhooqa Aarnooniitii jalqabee haga gaara Armooni'eemii, Araba gara baya biiftu'uutiin jirtu, biyya laga Yoordaanosiitiin gama gara baya biiftu'uutii jiru, mootonni isaan dhaalan kanniin fa'a.
2Haseboonii irraa jalqabee haga Aarnoonii haga daangaa dhooqa Aroo'eerii wodhakkaa gala'aadii laga Yaabooqii, haga daangaa ijoollee Amoonii,
3Araba gara baya biiftu'uutiin jirtuu haga galaana Kineereetii, karaa Beetashimootii biraan haga galaana Arabaatii fi haga galaana Sooqiddaa gara bita'aatiin lafa qaccee gaara faasika'aatiin jiruu ka mootiin Amoorotaa Seewoon bulcheeti.
4Akkasuma ka gosa Raaffaayimii irraa hafe mootii Baasaanii ka Aagii biyya Astirootiitii fi Eediraayii keessa jiraata'aa tureeti.
5Gaara Armooni'eemii Saalkaan, Baasaanii haga Geeshurootaa haga daangaa Maayikatootaa mara, wodhakkaa Gala'aadiitii haga mootii Haseboonii, haga daangaa Seewoonii ka mootiin Aagii bulcha'aa tureeti.
6Garbichi Rabbii Muuseenii fi ijoolleen Israa'elii hin dhayaniin; garbichi Rabbii Muuseen lafa dhaalan ijoollee Roobeeliitii, ijoollee Gaadiitii fi wodhakkaa gosa Minaase'eetiif lafa isaanii kenneef.Iyyaasu'uu Fi Mootota Inni Mooyate
7Iyyaasuunii fi baniin Israa'elii mootota laga Yoordaanosiitiin gama gara dhiya adu'uutiin jiran maraa mooyatan; lafti sun dhooqa Libaanosii ka Ba'aalgaadii jalqabee haga gaara Seeyirii, haga gaara Haalaakii ka Eedoomiin gara bita'aatiin jiruu gaya ture; Iyyaasuun lafa kana qoqqoodee gosa maraafuu kenne.
8Gayeen lafa kanaa tulluuwwan gara dhiya adu'uutiin jiranii, dhooqa Yoordaanosiitii fi tulloota garaa jala jiran ka gara lafa dhooqaa ka gara baya biiftu'uutiin jiranii fi lafa gammoojji'ii ka gara bita'aatiin jiru maraa wolitti qabata ture; lafti kun dura lafa Keexotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Feerzotaa, Eewwotaatii fi ka Iyyaabusootaa ture.
9Mootiin Iyyaariko'oo ka Beeteelii Gaayiin biraati,
10mootiin Yerusaalemii, mootiin Keebroonii,
11mootiin Yermuutii, mootii laakisoo,
12-13mootii Adoola'aa, mootii Geezir, mootii Deebir, Geedir
14mootii Heerma'aa, mootii Araadii,
15mootii Libina'aa, mootii Adoolaamii
16mootii Meqeeda'aa, mootii Beeteel,
17-18mootii Taaphuuwa'aa, mootii Ofeerii, mootii Afeeqii, mootii Lashiroonii,
19mootii Maadoonii, mootii Asoorii,
20mootii Sheemiroon, Meeroon, mootii Asiif,
21mootii Ta'inaakii, mootii Meeqidoo,
22mootii Qaadees, mootii Yooqini'aamii ka Qarmeloosiin ture,
23mootii Doorii ka tulluu Doorii irra ture, mootii Gelgela'aa ka worra ormaa,
24mootii Tersa'aa, mootonni kunniin maruu wolitti qaba'atti soddomii tokko turan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.