Raajii Ermiyaasii 5 - Kitaaba Woyyuu

Yakka Yerusaalemii

1Isin banii Yerusaalemii!

«Mee karaa Yerusaalemii maraa irra naannaya'aa laalaa'a!

mee yoo ka nama murtii qajeelaa kennuu fi

ka dhugaa soqu argitanii raasaa keessa deema'aa soqaa'a!

yoo wonti kun ta'e ani Yerusaalemii hin araarama.

2Isin, ‹Rabbii jiraataa› jedha'aa maqaa kiyyaan kakattan;

garuu sobaan kakattan.

3Yaa Rabbi! ijji tee dhugaa argitii mii?

ati isaan adabde,

isaan garuu womattuu hin laakkofne;

ati isaan butuchite;

isaan garuu dogoggora ufii irraa deebi'uu hin dandeenne.

isaan hin morkatan malee cubbuu ufii irraa deebi'uu hin barbaanne.

4Achiin maayessa ani isaaniin akkana jedhe,

«Isaan seera Rabbii Waaqa ufii waan hin beenneef,

kunniin worra gowwa'aa fi hiyyeeyyii hubannaa hin qabne,

seera waaqaatitti hin bulan.

5Kanaafuu ani gara worra bulchoota baallii qabanii dhaqee woliin qaaqa;

dhugamaan isaan karaa Rabbiitii fi seera Waaqa ufii hin beekan

isaan garuu Waaqa ufiititti ka'anii

isaa ajajamuu didaniiran.

6Baniin hennaa hedduuf didanii

Rabbiin dhiisaniiran;

kanaaf diintonni isaanii akka leencan bosonaa

yookaan akka yeyyiiwwan lafa gammoojjii keessaatitti balaa isaanitti buusan;

diintonni sunniin qachoota keessatti dhokatanii namoota achi keessaa bayan maraa akka qeerransaatitti nafa isaanii cicciran.

7Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya na dhiisee waaqolee tolfamaa sobaa waaqeffata;

eeganaa wonti ani cubbuu isaanii isaanii dhiisuuf maali'i?

ani banii kiyya nyaata isaan barbaachisu maraa isaanii kenna'aa akka isaan quufan godhe;

isaan garuu worra seebaru ta'an;

bultiin isaanii mana seebartootaati.

8Isaan akka faradoo sooramaniititti dharraa fedha fooniitiin waan gubataniif;

isaan maruu haadha manaa hiriyyaa ufii coorsuu barbaadan.

9Kanaafuu ani sababaa waan kanniin maraatiif isaan adabuu na hin barbaachisuu?

banii morkataa akkanaa kana haluu bawuu na hin barbaachisuu?

10Diintota dhaaba biqiltuu woyini'ii ka banii kiyyaa ciranii balleessan isaanitti erga;

ani akka hiddi isaanii badu hin godhu;

dameen isaanii kiyya waan hin taaneef,

akka muranii gatan ajaja.

11Baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa sirima na gananiiran;

ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

Rabbi Israa'elii Dhiise

12Baniin Rabbii Rabbiin irratti soba dubbata'aa akkana jedhan, «Rabbi womaa nu hin godhu, wonti hamaanillee nutti hin dhufu, beellinii fi lolli nu hin argatu.

13Dubbiin raattonni uduu Rabbi isaanitti hin dubbanne dubbatan maruu akka qilleensaatitti waan laakkayamuuf, wonti isaan dubbatan maruu isaanumatti deebi'a.»

14Kanaafuu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana naan jedhe, «Ermiyaas! baniin waan akkana jedhanii dubbataniif dubbiin kiyya afaan kee keessatti akka ibiddaa ta'a; baniin akka qoraanii ta'ee ibiddi isaan guba.»

15Isin banii Israa'elii! Rabbi banii balaa buusu biyya fago'ootii isinitti fida; baniin sun banii jabaa ka isin afaan isaanii hin beenne, ka dubbii isaanii hin beenne, ka dubbii isaanii hin hubannee fi banii dur irraa jiru.

16Worri isaanii ka ebo'oon nama darbatan worra jajjabaa gara nyaattoo malee nama ajjeesan.

17Isaan midhaanii fi waan isin nyaattan maraa haxaayanii nyaatan, ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa maraa hin ajjeesan; tika hoolotaatii fi horii keessan maraa hin qalan, biqiltuu woyini'iitii fi muka hurbu'uu keessan maraa hin balleessan; loltoonni isaanii qachoota teessan ta dallawamtee isin hedattan maraa diiganii balleessan.

18Rabbi akkana jedha, «Wonti kun maruu yoo ta'e, ani hennaa san banii kiyya ciraa kutee hin balleessu;

19Ermiyaas! baniin, ‹wonti Rabbi waan kana maraa nu irra geesseef maali'i?› jedhanii yoo si gaafatan akka isaan na irraa fooyamanii biyya ufii keessatti waaqolee tolfamaa waaqeffatan, isaan akka biyya ormaatitti tajaajiltoota banii ormaa jedhamanii waamamuun isaanii akka hin hafne isaanitti himi.»

Rabbi Banii Ufii Akeekkachiise

20Rabbi akkana jedha, «Fiixaa Yaaqoobiitii fi banii Yihuuda'aa maratti waan kana himaa'a.

21Isin worra uduu ija qabdan hin argine, uduu gurra qabdan hin dhageenne, isin baniin gowwaanii fi amshaaggonni kana dhagayaa'a;Isa. 6:9-10; His. 12:2; Mar. 8:18

22Ani Rabbi; isin maaf na hin kabajjine? maaf na sodaattanii naatanii hin hollanne, bisaan akka xidhacha irra lufee hin deemne ka galaanatti daangaa godhe ana; haguma fedhellee galaanni yoo raafame, dambaliinii fi qilleensi yoo ka'e daangaa xidhachaa lufee deemuu hin danda'u.Iyyo. 38:8-11

23Isin garuu banii morkata'aa fi dhibaa taatanii na dhiiftanii baqattan.

24Rooba duraatii fi ka maayessaa, ka gannaatii fi ka badheessaallee henna'aan ka isinii kennuu fi ka ji'oota midhaan itti haamatan woggaa wogga'aan isinii fidu ana; isin garuu na kabajjuu diddan.

25Yakki keessan eebba isin dhabsiise; baay'inni cubbuu keessanii akka isin waan mishaa hin arganne isin taasise.

26Namoonni hammeeyyiin banii kiyya keessa jiraatan hin jiran; isaan akka nama simbirran siibo'oon qabuuti; kanaafuu isaan namoota qabu'uuf siiboo ufii diriirsanii riphan.

27Akkuma dhadhooltuun simbirran qabee maandhee simbirranii keessa kaayu, isaanillee qabeenna saaman mana ufii guutan; wonti jabaatanii duroomaniif kana.

28Isaan akka sangaa soorameetitti furdataniiran, hujiin isaanii hamaa haga hin qabne; mirga ijoollee abba'aa fi haadha hin qabnee hin eegan; worra rakkataniifillee murtii qajeelaa hin murteessan.

29«Eeganaa ani Rabbi waan kanniin maraaf isaan adabuu na hin barbaachisuu? banii akkanaa kana haluu bayuu na hin barbaachisuu?

30Wonti nama sodaachisuu fi nama naasisu biyya tana irratti raawwatameera.

31Worri nu raattota ufiin jedhan raaga sobaa raagan; gadoonni gorsa raattotaatiin bulchan; baniinillee waan kana maraa hin morman; eeganaa hennaa wonti kunniin maruu raawwatamu maal isaanii woyya?»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help