1Waan Rabbi Waandhi isaanii akka bani'itti himuuf na ajaje maraa isaanitti himee fixe;
2Achiin maayessa Azaari ilmi Hoshaaya'aa Yohaanaa ilma Qareha'aatii fi namoonni uf jajan ka biraa maruu akkana jedhan, «Ati hin soba'aarta; Rabbi Waandhi keenna akka nu biyya Misirii dhandhee hin jiraanne akka nutti himtu sitti hin himne.
3Akka worri Baabiloonii nu irratti baldanii fi yoo barbaadan akka nu ajjeesan yookaan booji'anii gara Baabiloonii akka nu fidan ka nutti kakkaase Baarookii ilma Neeriya'aati.»
4Akka kanaan Yohaana'aa fi bulchoonni loltootaa maruu akkasuma gosa bani'ii keessaa eennullee biyya Yihuuda'aa keessa jiraachu'uuf ka ajaja Rabbii raawwate hin jiru.
5Kanaan maayessa Yohaana'aa fi bulchoonni loltootaa worra Yihuudaa keessatti hafan maraa gara biyya Misirii fidan; kunillee haga armaan dura banii ormaa keessa bittinnaayanii jiraata'aa turaniin maayessa deebi'anii garuu banii gara biyya Yihuuda'aa deebi'anii turan jechuun,
6Dhiiraa fi intala, daa'immanii fi haawwonni manaa mootichaallee uduu hin hafne fudhatan; Nabuzaardaan ajajaan loltoota Baabiloonii worra akka baallii Galaadiya'aa jala jiraataniif dhiise maraa akkasuma anaa fi Baarookiinillee fudhatan.
7Ajaja Rabbii didanii gara biyya Misirii dhaqanii haga qachaa Xaafnaasii gayan.
8Achitti Rabbi akkana naa jedhe,
9«Dhagaa gugurdaa hagoo soxxee haga argiteen maayessa ijoollee Israa'elii keessaa namoonni hagoon uduu si laalan lafa balbala mana mootumma'aa afoo ka simmiintoo irraa hojjatame jalatti awwaali.
10Achiin maayessa ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akka ani tajaajilaa kiyya Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii gara hulee kanaa fidee inni hulee ati dhagaa dhaabde kana irratti teessoo ufii kaayatee daasee mana mootumma'aallee akka dhaabatu isaanitti himi.
11Nabukadanatsoor dhufee biyya Misirii mooyata; worri akka dhibe'een du'an isaanitti murtaaye dhibe'een du'an; worri akka booji'aman itti murtaaye hin booji'aman; worri lolaan akka du'an itti murtaaye lolaan du'an.
12Manniin waaqolee tolfamaa biyya Misirii gubee waaqolee tolfamaa isaanii booji'a; akkuma tisseen kadhoo dachaa uffattu, biyya Misiriillee bulchiinsa ufii jalatti dachaa godhee uduu womaa hin miidhamne moote'een achii baya.
13Inni soodduuwwan dhaga'aa ka biyya Misirii jedhamtu keessatti argamu hin diiga; waaqolee tolfamaa biyya Misiriitii fi manniin woyyuullee hin guba.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.