1Yaa Rabbi! ati Waaqa kiyya;
si kabajja; maqaa kee jaja;
waan maalale'ee
ka dura yaadame;
amanamummaa guutu'uun waan raawwatteef.
2Qachattii tuulaa dhaga'aa gooteerta;
qachattii dallayamtellee diiddeerta;
qachaan ormaa ta dallayamte;
ammaa achi hin jiraattu;
deebiteellee hin ijaaramtu.
3Kanaafuu baniin jajjabaan si kabajjan;
qachoonni gar jabeeyyi'ii ka worra Yihuudota hin taaneellee;
si sodaatan.
4Hiyyeessaa irkoo;
ka rakkata'aa hennaa rakko'oo dawo'oo;
ka dambalii jalaa itti dhokatan;
oo'a adu'uutittillee gaaddisa taateef;
hafuurri gar jabeeyyi'ii
akka dambalii girgidda'atti bu'uu waan ta'eef;
5Akkuma oo'a lafa gammoojji'iiti;
iyya ormaa haxum goota;
akkuma oo'i gaaddisa duumessaatiin qabbanaayu
faaruun worra gar jabeeyyi'iillee akkasuma
haxum jedha.
Nyaachisa Guddaa Rabbi Qopheesse6Rabbi Gooftaan banii maraa gaara
kana irratti;
banii maraafuu affeerraa nyaataa guddaa;
nyaachisa daadhii woyini'ii ka bilchaate;
foon coomaa fi daadhii woyini'ii
filatamaa qopheessa.
7Gaara kana irratti;
golga banii kana maraa irratti badhifame;
waan mootota irratti uwwifame;
hin balleessa.
8Du'a baraa haga bara baraa hin balleessa;
Rabbi Gooftaan;
imimmaan fuula maraa irraa haqa;
salphinna bani'ii;
lafa irraa balleessa;
Rabbi waan dubbateef.
9Hennaa san akkana jedhama;
«Waandhi keenna kunoo kana;
isa abdanne; innillee nu oolche;
Rabbi kana; isa abdanne;
nu oolchuu isaatitti haa gammannuu;
haa usheexxinuu.»
Rabbi Biyya Moo'aabiin hin Adaba10Harki Rabbii gaara kana irra ta'a;
garuu akkuma buraan dhoqqe'een wolitti dhiitamu;
Moo'aabillee akkasumatti dhiitama.
11Akkuma ka bisaan daaku harka badhisu;
keessa taa'anii harka badhisan;
Gooftaan uduu dhara harka isaaniitiin hin sobamne;
uf jajuu isaanii salphisa.
12Dallaya kee ka dheeratee ijaarame gad deebisa;
gad isa buusa;
gara ardi'ii gad buusee;
daaraa irratti gata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.