1Tsiyooniin keessatti xurumbaa afuufaa'a! gaara woyyuu
irratti banqifadha'aa iyyaa'a!
guyyaan dhufa Goofta'aa waan dhiyaateef
worri biyyattii keessa jiraatan maruu haa hollatanii.
2Guyyaan sun guyyaa hurri'ii, guyyaa duumessaatii fi
ka dukkana jaama'aati;
akkuma ifti aduu ganamaa gaarran irra badhatu akkasuma
tuunni korophiisaa guddaanii fi jabaan hulee marattuu badhata;
wonti kana fakkaatu armaan dura hin mudhanne;
armaan maayessallee hennaa kamiinuu hin mudhatu.
3Isaan biqiltuu isaan afo'otti argame maraa akka ibiddaatitti nyaatan;
akka arraba ibiddaatittillee hin guban;
biyyi afoo isaanii jiru ka isaan itti hin dhandhe;
akka hulee dhaaba biqiltuu jeennata Eedanii keessaa lalisa'a;
biyyi isaan keessa lufan ammo
gammoojjii barbadaaye ta'a;
wonti isaan jalaa dheessee bayu tokkollee hin jiru.
4Bifti isaanii akka bifa fardaati;
gulufni isaaniillee akka farda lolaati;
5Akka gaarii fardaa laagaa hin dhageessisan;
isaan qaccee gaaraa irra utaalan;
akka ibidda buraa gubuu
waa maraa guban;
akka loltoota jajjabaa lolaaf qophaayanii hiriiranii deeman.
6Baniin hennaa isaan argan sodaatanii hollatan;
namoonni maruu sodaatanii huqqatan.
7Akka loltootaatitti jala dhaabatan;
akka worra duuluutittillee dallawa dhaga'aa irra utaalan;
isaan maruu qajeelanii gara afo'oo deeman;
mamanii karaa ufii hin jijjiiratan.
8Namni tokko nama biraa woliin wol hin dhiibu;
maruu karaa ufii gad hin dhiisu;
meeshaa diinaa diiganii lufan;
ka isaan dhaabu hin jiru.
9Qachattii hin marsan;
dallawa qachatti'ii irra fiiga'aa
utaala'aa manniin irra koran;
akka hattu'uutitti fodda'aan seenan.
10Lafti isaan jalatti hollatti;
samiin hin raafama;
aduunii fi jiini hin dukkanaayan;
urjiiwwanillee hin ifan.
11Rabbi laagaa ufii ka akka laagaa gigissa'aa loltoota dhageessisa;
Loltoonni hagam baay'atan!
worri ajaja isaa fudhatan laakkobsaa ol;
dhugamaan guyyaan Rabbii gudda'a;
guddisee waan nama sodaachisuuf guyyaa san eentu danda'ee dhaabata?Waamsa Aagi'ii
12Rabbi akkana jedha, «Ammallee yoo ta'e,
soomaan, booyichaan fi gadda'aa
garaa guutu'uun gara kiyya deebi'aa'a.
13Isin gadda keessan mudhisu'uuf uffata keessan tarsaasuun gaya'aa miti;
caala'atti garaa guutu'uun gara kiyya deebi'aa'a.»
Rabbi Waandhi keessan arjaa'a, ka namaa dhiisu, ka lolaaf hin ariifanne,
ka jaalala bara baraatiin duroomee fi
ka adabbi'iif hin ariifanne waan ta'eef
gara isaa deebi'aa'a.
14Maal laataa Rabbi Waandhi keessan lola ufii dhiisee
eebba ufii isinii kennuu danda'a;
isin hennaa san Rabbii Waaqa keessanii
kennaa midhaaniitii fi kennaa dhuddo'oo dhiyeessitan.
15Gaara Tsiyoonii irratti xurumbaa afuufaa'a!
baniin akka wol gawu waamaa'a!
soomaa labsaa'a.
16Isin banii maraa hulee tokkotti wolitti qaba'aatii
gumii woyyoomeef qopheessaa'a;
jaarsota waamaa'a;
ijoolle'ee fi daa'imman harma hootullee uduu hin hafne wolitti qabaa'a;
idaayyonni golaa haa bayanii.
17Gadoonni Rabbiin tajaajilan
hulee ciinca'aatii fi karaa wol bira lufaniin keessatti haa booyanii;
«Gooftaa kiyya! banii keetii garaa laafi;
Worri Yihuudota hin taane Waandhi keessan eessa jira?
jedha'aa akka nu tuffatanii fi akka nu irratti baldan hin godhin!» haa jedhanii.
Abdii Rabbi Banii Ufii Akka Deebisee Ijaaru Kenne18Rabbi hinaaffaa biyyatti'ii qabuuf
bani'ii garaa laafe;
19Kanaafuu akkana isaaniin jedhe,
«Kunoo midhaan, daadhii woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa
haga quuftanitti isinii kenna;
ammaa achi worri Yihuudii hin taane
worra itti baldan akka isin godhan isaanitti hin dhiisu.
20Tuuta korophiisaa ka gara kaabaatii isinitti dhufu
isin irraa fageessa;
gara lafa gammoojji'iitii fi gara lafa onaa isaan ari'a;
worra afoo keessan jiran gara galaana du'aa,
worra isin duuba jiran gara galaana Meditiraaniyaanii isinii ari'a;
achitti reeffi isaanii shamee ajaaya;
dhugamaan ani Rabbi waan guddaa isinii godheera.
21«Laftana hin sodaatin;
Rabbi waan guddaa waan sii godheef gammadi!
burraaqi.
22Busaayaa lafa irraa hin sodaatinaa'a;
huleen isin itti bobbaatanii dheeddan laliseera;
mukkiinillee daraareera;
munni hurbu'uutii fi daraaraan woyini'ii guddisee baay'ata.
23Isin banii Tsiyoonii!
Rabbii Waaqa keessaniin gammadaa'a;
burraaqaa'a;
Inni qajeelchee murteessee
akkuma duraanii ji'oota bonaatii fi ji'oota gannaa
rooba gayaa isinii kenneera.
24Oobdiin midhaaniin guuttama;
daadhiin woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa
boolla woyinii itti cuunfan guutee irra cambalaqa.
25Midhaan tuunni korophiisaa,
awwaannifni, siqoonii fi tuunni awwaannisaa ka qilleensa keessa bararan
isin jalaa balleessan hule'etti isinii deebisa.
26Guddiftanii nyaattanii quuftanii
ana Rabbii Waaqa keessan ka waan maalale'ee guddaa isinii godhe
galatoonfattan;
baniin kiyya ammaa achi salphatee hin saalfatu.
27Banii kiyya! isin akka ani jidduu keessan jiru,
Waandhi keessan akka ana callaa ta'ee fi
anaa achi Waandhi biraa akka hin jirre hin beettan;
baniin kiyya ammaa achi salphinni isaan irra hin gawu» isaaniin jedhe.
Guyyaa Goofta'aa28Rabbi akkana jedha, «Ani ammaa achi Hafuura kiyya
nama maraa irratti dhangalaasa;
ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa raaga dubbatan;
jaarsonni teessan eebjuu eebjotan;
ka'imman teessan mudhata argan.
29Akkasuma guyyoota sanniin keessa,
tajaajiltoota tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa irratti
Hafuura kiyya dhangalaasa.
30«Ani ardi'ii fi sami'itti waan maalale'ee godha;
dhiigaa fi ibiddi, utubaan aaraallee hin mudhata.
31Guyyaan Goofta'aa guddaanii fi ka nama sodaachisu uduu hin dhufneen dura
aduun hin dukkanoofti;
jiini dhiiga fakkaata;
32Namni maqaa Rabbii waamu hin fayya;
akkuma Rabbi dubbate gaara Tsiyooniitii fi
Yerusaalemiin keessaa fayyinnatu argama;
worra fayyan keessaa worri Rabbi filate achi keessatti argaman.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.