1« Iyyoob! waan ani jedhu dhagayi;
jecha kiyya maraa sirri'itti dhagayi.
2Kunoo ani amma afaan kiyya hin banadha;
arraba kiyyaanillee hin dubbadha.
3Dubbiin kiyya qajeellinna garaa kiyyaa keessaa baya;
arrabni kiyya dhugaa dubbata.
4Hafuurri Rabbii na uume;
Hafuurri Waaqa waa mara danda'uu jireenna naa kenne.
5«Waan dubbattu qopheeffadhuu na afoo dhaabadhu;
yoo dandeette naa deebisi.
6Kunoo ani Rabbiin afo'otti akkuma keeti;
anillee biyyee irraa uumame.
7Ana sodaachuu si hin barbaachisu;
miidhaa si irra geessuu hin danda'u.
8«Dhugamaan waan ati dubbata'aa turte maraa dhagayeera;
dubbii afaan keetii bayullee caqaseera.
9Ati ‹Ani qulqullu'u,
yakka, muda'aa fi cubbuullee hin qabu› jetteerta.
10‹Rabbi garuu sababa na irra barbaada;
akka diinaatitti na laakkaya;
11Luka kiyya gudeelcha lamaan jiddu'utti galchee duudhatee na qabeera,
karaa ani deemu maratti na laala› jetteerta.
12«Iyyoob! ati waan kana irratti akka sirrii hin jirre sitti hima;
Rabbi nama caalaa gudda'a.
13Ati ‹Rabbi dubbii namaa hin deebisu jettee
maaf isaan wol mormita?
14Namni hin hubatu;
Rabbi garuu karaa gara garaatiin dubbata.
15Halkan namoonni uduu siree ufii irra jiran,
uduu hirriba oo'aa rafaniiran,
Rabbi eebju'uu fi manaabaan isaanitti dubbata.
16Hennaa san gurra isaanii banee;
akka dubbii isaa dhagayan taasisa;
uf eegganno'oon isaan naasisa.
17Nama hujii hamaa irraa deebisa,
uf jajuu irraa balleessa;
18Lubbuu isaa boolla irraa,
jireenni isaallee billawaan akka hin banne eega.
19Yookaan siree irratti dhibe'een adaba;
lafee isaa maraa hin hadoocha.
20yoo san jireenni isaa buddeena;
lubbuun isaallee nyaata mi'aayaa jibbiti.
21Sababaa huqqateef foon isaa dhumatee
lafeen isaa ol bayee mudhata.
22Jireenni isaa darbee
lubbuun isaa worra du'anitti eda'amu'uuf dhiyaatteerti.
23«Maleekkota Rabbii ka kumaatamatti laakkayaman
ka karaa sirrii namatti mudhisan keessaa tokkochi
gara isaa dhufee isa gargaaruu danda'a;
24Maleekkichillee garaa laafeefii
‹Ka isa furu waan argeef
gara awwaalaa akka hin buune dhiisiin!› jedhee du'a ajaja.
25Kanaafuu foon isaa akka nafa ijoolle'eetitti haarawoomee
gara dargaggummaa ufiititti deebi'a.
26Hennaa san Rabbiin kadhata;
Rabbi kadhaa isaa hin dhagaya;
fuula ufiillee gammachu'uun itti mudhisa;
qajeellummaa ufiitiif gatii isaa kaffala.
27Innillee namoota afo'otti,
‹ani yakkeera; waan qajeelaallee dabseera;
Rabbi garuu balleessaa kiyya natti hin laakkofne;
28akka ani gara boollaa hin buune na oolcheera;
jireenni kiyyallee ifa arga.› jedha'aa faarfata.
29«Rabbi waan kanniin maraa
deddeebisee namaa godha.
30Ifa jireennaa akka arguuf lubbuu isaa deebisee
boolla keessaa baasa.
31«Iyyoobi! Ani hin dubbadhaa ati cadhisi
waan ani sitti himu qalbi'iin caqas.
32Yoo waan jettu qabaatte naa deebisi;
waan sirrii ta'e beekuu barbaadaa dubbadhu.
33Yookaan cadhisii na dhagayi;
anillee ogummaa si barsiisaa.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.