1Mana Daawitiitii fi mana Saa'olii jiddu'utti bara hedduuf lolli ta'e; manni Daawitii jabaata'aa, manni Saa'olii ammo dadhaba'aa deeme.
Ilmaan Daawitii2Daawitiifillee Keebroonitti ijoolleen dhiiraa dhalataniif; hangaftichi Aminoon Akinaahoomii intala gosa Iyiziraa'elii irraa dhalate.
3Ka lammeesso'oollee Doloohiyaa haadha manaa Naabaalii ka qachaa Qarmeloosii turte Abigiyaa irraa dhalate; sadeessoonillee Abeseloomii Ma'akaan intalti Talmaayii mootii Geeshurii deette.
4Arfeessoon Adooniyaasii ilma Agiiti'iiti; shaneessoon Safaaxiyaas ta Abiixaal deetteef;
5Jaheessoon Yitiraam haadha manaa Daawitii ta Eegilaa irraa dhalate; kunniin maruu Keebroonitti Daawitii dhalatan.
Abaaneer Daawitiin Wolii gale6Hennaa manni Daawitiitii fi manni Saa'olii wol lolan Abaaneer mana Saa'olii irratti jabaata'aa deeme.
7Saa'ol mata gala intala Iyyooheelii ta Tsiirfaa jedhamtu qaba; Iyyaabusteen Abaaneeriin, «Mata gala abbaa kiyyaatitti maaf galte?» jedheen.
8Abaaneerillee dubbii Iyyaabusteen dubbatetti guddisee aaree «Ani abbaa kee mana Saa'olii, firoota isaatii fi obboleewwan isaatii waan mishaa godheera; sillee Daawititti dabarsee si hin kennine; ati adha dubartii tana woliin cubbuu hojjatteerta jettee na himattaa? ani saree faayidaa hin qabnee ka gara worra Yihuuda'aa deebi'uu?
9Rabbi mootummaa mana Saa'olii irraa fuudhee teessoo Daawitii Israa'elii
10Rabbi akka Daawitiif kakate akkasuma isa woliin yoo hin goonee Rabbi Abaaneeriin irratti waan kana maraa haa godhu; kanallee itti haa eda'u!» jedhee kakateef. Sam. 1ffaa 15:28
11Iyyaabusteen Abaaneeriin sodaata'aa waan tureef waan tokkollee itti deebisuu hin dandeenne.
12Abaaneerillee Daawitiin, «Biyyattiin ta eennuuti? na woliin waadaa gali; harki kiyyallee si woliin ta'aa; Israa'eliinillee gara kee deebisaa» jedhanii akka itti himaniif ergamtoota itti erge.
13Daawitillee, «Haa ta'uu si woliin waadaa gala; garuu waan tokko si irraa soqa; hennaa na argu'uuf dhuftu, mucattii Saa'olii Melkooliin yoo naa hin finnee fuula kiyya hin argitu» jedheen.
14Daawitillee gara ilma Saa'olii gara Iyyaabuste'ee ergamtoota ergee, «Misa Filisxeemota dhibbaatiin haadha manaa tiyya ta qaadhimadhe Melkooliin naa kenni» jedhe.Sam. 1ffaa 18:27
15Iyyaabusteenillee, ilma Leesaa abbaa worraa isi'ii Falixi'eeliin irraa fuudhanii akka fidan namoota ergee fijjisiise.
16Abbaan worraa isi'ii garuu isii woliin booya'aa haga Biraaqii faanaa deeme; Abaaneerillee, «Deebi'i» jedheen.
17Abaaneerillee jaarsota Israa'eliitiin, «Daawiti duraan isin irratti akka mootii ta'u barbaaddanii turtan.
18Rabbi, ‹Karaa garbicha kiyya Daawitiitiin banii Israa'elii harka Filisxeemotaatii fi diintota keessan maraa jalaa isin hambisa› jedhee waan dubbateeruuf; eegasuu isin amma waan kana godhaa'a» jedhee isaanitti hime.
19Abaaneerillee worra Biiniyaamiititti hime; Abaaneer waan Israa'elii fi manni Biiniyaamii waan mishaa godhu'uuf wolii galan san Daawititti himu'uuf gara Keebroonii deeme.
20Abaaneerillee namoota diddamaa woliin gara Keebroonii gara Daawitii dhufe; Daawitillee Abaaneerii fi namoota isa woliin turaniif nyaachisa qopheesse.
21Gaafasuma Abaaneerillee Daawitiin «Ka'ee haa deemuu si woliin waadaa akka godhan, haguma qalbiin tee jaalatte maraa akka bitu Israa'elii maraa mootii gooftaa kiyyaaf wolitti haa qabuu» jedheen; Daawitillee Abaaneeriin nagayaan geegesse.
Abaaneeriin Ajjeesan22Hennaa san loltoonni Daawitiitii fi Iyyoo'aabii boojuu guddaa booji'anii dhufan; Abaaneer ammo Daawitiin geegessee nagayaan deeme malee Keebroonitti hin turre.
23Iyyoo'aabii fi loltoonni isa woliin turan maruu hennaa dhufan, ilmi Neerii Abaaneer gara mootichaa dhufee, mootichillee nagayaan geegesseen jedhanii Iyyoo'aabitti himan.
24Iyyoo'aabillee gara mootichaa seenee «Wonti goote kun maali'i? Abaaneer gara kee dhufee ture, maaf nagayaan akka deemu geegessite?
25Ilmi Neerii Abaaneer ka si sobu'uuf, karaa bayaaf gala keetii fi waan ati gootu maraa hubachu'uuf akka dhufe hin beettuu?» jedheen.
26Haga Iyyoo'aab afoo Daawitiitii ka'ee deemeen maayessa Abaaneeriin akka fidaniif ergamtoota erge; isaanillee boolla bisaanii ka Seeyiraa jedhamu biraa qabanii deebisan; Daawiti garuu waan kana oduu hin qabu ture.
27Abaaneerillee gara Keebroonii hennaa deebi'e, Iyyoo'aab balbala afo'otti hennaa diqqo'oof isa woliin dubbatu'uuf akka waan isa woliin waa dubbatuu godhee gara balbalaa siisse; achumatti dhiiga obboleessa ufii Asaaheeliitiif haluu bayu'uuf garaa woraaneen; innillee hin du'e.
28Daawiti wonti kun akka raawwatame hennaa dhagaye, «Waan Dhiiga ilma Neerii Abaaneerii ani Rabbiin biratti bara baraan qulqullu'u; mootummaan kiyyallee qulqullu'u.
29Kanaafuu dhiinni isaa mataa Iyyoo'aabiitii fi mana abbaa isaa marattuu haa dhufu; mana Iyyoo'aabiititti namni dhukkuba fanxo'oo qabu, dhukkuba gogaa kukkutuun qabame, yookaan hokkolaan, yookaan ka guraade'een du'u, yookaan beelayaan hin dhabamin» jedhe.
30Iyyoo'aabii fi obboleessi isaa Abiisaan lola Gabaa'ooniititti obboleessa isaanii Asaaheeliin ajjeesee waan tureef, Abaaneeriin ajjeesan.
Reeffa Abaaneerii Awwaalan31Kanaan maayessa Daawitillee Iyyoo'aabii fi banii isa woliin turan maraan uffata keessan biinxa'aa uffata gaddaa uffadhaa'a; afoo Abaaneriititti booyaa'a jedheen; Daawiti wosaasaa reeffaa duubaan deeme.
32Abaaneeriin Keebroonitti awwaalan; mootiinillee laagaa ol qabatee awwaala Abaaneerii biratti booye; baniin maruu hin booyan; mootichillee Abaaneeriif,
33«Abaaneer akka namni amshaaggaan du'utti du'aa?
34Harki si hin hidhamne,
lutti kee haada sibiilaatiin hin qabamne,
akkuma nama harka worra waan hamaa hojjatutti kufuu, atillee akkasuma kufte!» jedhee faarsee booye;
baniin maruu ammallee guddisanii mararamanii booyan.
35Achiin maayessa Baniin maruu, «Uduu aduun hin dhiine Daawitiin waa haa nyaatu'uuf waaman; Daawiti garuu aduun uduu hin seenne buddeena yookaan waan biraa yoo afaaniin qabe Rabbi kana na irratti haa godhu; kanallee natti haa eda'u!» jedhee kakate.
36Baniin maruu hennaa kana argan guddisanii gammadan; afoo bani'ii marattuu wonti mootiin godhe maruu isaan gammachiise.
37Guyyaa san baniin maruu worri Israa'elii maruu duuti ilma Neerii ka Abaaneerii mooticha biraa akka hin taane beekan.
38Mootiinillee garboota isaatiin adha namni ajajaan guddaan Israa'eliin keessaa akka du'e hin beettanii?
39Ani yoma nama mootumma'aaf dibame ta'ellee dadhaba'a; namoonni kunniin ijoolleen Tsuuriya'aa jabaatanii na irratti hammaataniiran; Rabbi nama hamaa hojjate irratti akkuma hammeenna isaatitti isatti haa deebisuu!» isaaniin jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.