Kitaaba Faaru'uu 51 - Kitaaba Woyyuu

Faatee AraaraaFaaruu Daawitii ka hennaa gara Beersaabeehii seeneen maayessa; Naataan raattichi hennaa gara isaa dhufe inni bulchaa faarfattootaatii faarfate.

1Yaa Rabbi! haguma arjummaa keetiititti;

naa araarami;

akka baay'inna gara laafummaa keetiitiin

cubbuu kiyya na irraa balleessi.

2Yakka kiyya sirima na irraa dhiqi;

cubbuu kiyya irraa na qulqulleessi.

3Ani yakka kiyya hin beeka;

cubbuun kiyya hennaa maraa na afoo jira.

4Murteen tee sirri'i;

murtii kennituttillee akka qulqulluu taatu;

si'i; dhugamaan ani sima callaa yakke;

ani si afo'otti waan hamaa godhe.

5Hennaa haati tiyya na ulfooftuu ani yakkama'a;

hennaa dhaladhullee ani cubbama'a.

6Ati garaa namaatii dhugaa barbaadda;

kanaafuu hulee dhokataa san keessattillee

ogummaa guddaa na barsiisi.

7Hisoophi'iin natti facaasi; anillee hin qulqullaayaa

na dhiqi;

baradaa caalaa adii ta'aa.

8Usheexxu'uu fi gammachuu na dhageessisi;

lafeewwan tiyya ta ati butuchite haa gammadanii.

9Fuula kee cubbuu kiyya irraa deebisi;

yakka kiyya maraa na irraa balleessi.

10Waaqa kiyya! Garaa qulqulluu naa uumi;

hafuura qajeelaa ta'e na keessatti haarawoomsi.

11Fuula kee afo'oo na hin balleessin;

Hafuura kee woyyuu na irraa hin fudhatin.

12Gammachuu fayyisuu kee keessaa argamu naa deebisi;

Hafuura akka sii ajajamu na gargaaru naa kenni!

13Ani worra seera kee diigan karaa kee barsiisaa;

cubbamtoonnillee gara kee deebi'an.

14Yaa Rabbi; Waaqa fayyinna kiyyaa!

dhiiga jissuu irraa na oolchi;

afaan kiyya waan balchummaa keetii ililfata'aa faarsa.

15Yaa Gooftaa'a afaan kiyya naa bani;

afaan kiyya galata labsa.

16Uduu ka ciincaa jaalattuutii silaa sii dhiyeessa ture;

ciincaan ciincawullee si hin gammachiisu.

17Ciincaan Rabbi fudhatu yaada onnee laaftu'uuti;

Yaa Rabbi! ati onnee laaftu'uu fi ta gad uf deebiftu hin tuffattu.

18Fedha kee misha'aan Tsiyooniin duroomsi;

dallawwan Yerusaalemiillee deebisii ijaari.

19Ciincaan balchumma'aa, ciincaan ciincayuu fi

ciincaan guutu'utti gubatan

yoo san si gammachiisan.

hennaan korommiin hulee ciinca'aa irratti ciincayan

yoo san.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help