Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 19 - Kitaaba Woyyuu

Daawiti Worra Amooniitii fi Worra Sooriya'aa Mooyate(Sam. 2ffaa 10:1-19)

1Hennaa hago'oon maayessa mootiin biyya Amoonii Naa'oos hin du'e; bikka isaa ilma isaatitu mooye;

2Daawiti, «Waan jasaa abbaan isaa naa godhee anillee ilma Naa'oosii Haanooniif jasaa oolaaf» jedhe; kanaaf Daawiti waan abbaan isaa Naa'oos du'eef akka isa jajjabeessaniif dhaamsa erge.

Garboonni Daawitii Haanooniin jajjabeessu'uuf gara biyya Amoonii dhaqan;

3Bulchoonni biyya Amoonii garuu, «Waan Daawiti abbee kabajju'uuf jedhee akka si jajjabeessaniif namoota sitti erge seetaa? Sirima sitti hin fakkaatin! Namoonni dhufan kunniin biyya qoru'uuf, balleessu'uuf, gaadu'uuf gara kee dhufanii mitii?» jedhaniin.

4Kanaaf Haanoon namoota Daawiti isatti erge sanniin fuudhee areeda isaanii irraa haachisiisee, uffata isaaniillee haga mudhi'iititti isaan irratti biinxee isaan geegesse.

5Worri oduu odeessan dhaqanii waan namoota kanniin irra gaye Daawititti himan; Daawiti, «Namoonni waan guddisanii saalfataniif haga areenni isaanii isaaniif guddatutti biyya Iyyaariko'oo keessa taa'aatii achiin maayessa galaa'a» isaaniin jedhe.

6Worri Amoonii akka ufumaa Daawitiin uf irratti diina godhan hubatan; kanaaf birrii saqilii kuma soddomii afurii kaffalaniifii gaarii fardaa, worra fardaan lolu, Mesophotaamiyaa gubba'aatii fi worra bulchiinsa Sooriya'aa jala jiran Maa'ika'aa fi Suubaa irraa kireeffatan.

7Gaariin fardaa ka isaan kireeffatan kuma soddomii lamaatii fi loltoonni mootii Maa'ika'aa dhaqanii raasaa Meediba'aa biratti quphatan. Worri Amoonii qachoota ufii keessaa Yaa'anii lolaaf qophaayan.

8Daawitillee haga waan kana dhagaye Iyyoo'aabii fi loltoota ufii jajjabaa erge.

9Worri Amoonii yaa'anii balbala qachatti'iititti hiriiran; mootonni dhufanillee hojjuma ufiititti raasaa keessatti quphatan.

10Iyyoo'aab hennaa duubaa fi afo'oon akka lolli isa marse arge, worra Israa'elii keessaa namoota filatame fooyee worra Sooriya'aatitti duulchise.

11Worra hafe garuu Abiisaa obboleessa ufiitii kenne, isaanillee worra Amooniititti duulan.

12Inni, «Worri biyya Sooriya'aa na hucuucee na gargaari, anillee yoo worri Amoonii si hucuuce si gargaaraa;

13Eeganaa jabaadhu! Waan qachoota fi waan banii keennaa Rabbi waan fedhe haa godhuu» jedheen.

14Iyyo'aabii fi baniin isa woliin jiru lolaaf gara worra Sooriya'aa dhaqan; isaan garuu isaan jalaa dheessan.

15Worri Amoonii akka worri Sooriya'aa dheesse argan, isaanillee obboleessa ufii Abiisaa jalaa dheessanii gara qacha'aa galan; Iyyoo'aabillee gara Yerusaalemii deebi'e.

16Worri Sooriya'aa hennaa akka worra Israa'eliitiin mooyataman argan namoota erganii worra Sooriya'aa ka laga agama jiran fijjisiisan; bulchaan loltoota Adira'aazaarii Shoofaaki isaan afoo ture.

17Daawiti haga waan kana dhagaye worra Israa'elii maraa wolitti qabee laga Yoordaanosii ceeyee dhaqee isaaniin lole; hennaa Daawiti isaanitti duulu isaanillee isaaniin lolan.

18Worri Sooriya'aa worra Israa'elii jalaa dheessan; Daawiti worra Sooriya'aa jalaa worra gaarii fardaatiin lolu kuma torba, worra lafo'oo garuu kuma afurtamaa fi bulchaa loltoota isaanii Shoofaakiinillee hin ajjeese.

19Hojjattoonni Adira'aazaarii haga akka worra Israa'elii afo'otti mooyataman argan Daawitiin wolitti araaramanii gabbaraniin. Achiin maayessa worri Sooriya'aa worra Amoonii gargaaruu didan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help