1Halee luyaa!
lubbuu tiyya! Rabbiin galatoonfadhu!
2Bara jiraadhu maraa Rabbiin galatoonfadha;
bara jireenna kiyyaa maraa Waaqa kiyya hin faarfadha.
3Ka ilmaan namaa fayyisuu hin dandeennee fi worra bulchan hin hedatinaa'a.
4Isaan du'anii biyye'etti deebi'an
guyyama san karoorri isaaniillee bada.
5Namni Waandhi Yaaqoobii gargaaraa ta'eef
ka abdiin isaa Rabbii Waaqa isaa ta'e ka galataati.
6Inni ardi'ii fi samii, galaanaa fi waan isaan keessa jiran maraa uume;
ka dhugaa baraa haga bara baraa eegu.
7Ka worra miidhamanii murteessu;
ka worra beelayanii nyaata kennu
Rabbi worra hidhame hin hiika.
8Rabbi worra kufan hin kaasa;
Rabbi worra ballaa ogeeyyii taasisa;
Rabbi worra balchaa hin jaalata.
9Rabbi worra baqatan hin eega;
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi
worra haadha hiyyeessaa hin gargaara;
karoora worra hammeeyyi'ii hin balleessa.
10Rabbi baraa haga bara baraa hin mooya;
yaa Tsiyoon Waandhi kee dhalootaa haga dhalootaa hin mooya;
Halee luyaa!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.