Mudhata Yohaannisii 10 - Kitaaba Woyyuu

Maleekkaa Rabbiitii Fi Kitaaba Diqqicha

1Maleekkaan jabaan biraallee duumessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aati.

2Kitaabattii diqqoo banamte harkatti qabateera. Luka isaa ta mirgaatiin galaana irra, ta biita'aatiin lafa irra dhaabate.

3Amo. 1:2 Akka leenca aaduutitti laagaa gudda'aan iyye; hennaa iyye gigissaan torbanuu akkuma laagaa isaaniitiin dubbatan.

4Dan. 12:4,9 Hennaa gigissaan torbaa dubbatu, barreessuu yaade, «Sami'ii waan gigissaan torbaa dubbate chaappa'aan cufi malee hin barreessin» laagaa jedhu dhagaye.

5Maleekkaan ani arge, galaanaa fi lafa irra uduu dhaabatee, harka ufii ka mirgaa gara sami'ii ol kaasee,

6Dan. 12:7; Ser. Ba'u. 20:11; Kes. Deb. 32:40 Sami'ii fi waan samii keessa jiran, lafaa fi waan galaana keessa jiran, galaanaa fi waan galaana keessa jiran ka uumee fi baraa haga bara baraa jiraataa ta'ee ka jiraatuun kakatee, «Ammaa achi hin turu!

711:15; Amo. 3:7; Zakk. 1:6 Haa ta'uu ammo Maleekkaan torbeesso'oo hennaa xurumbaa afuufu bara laagaan dhagayamu, garbootaa fi raattota lallaba gammachu'uu akka isaanii lallabeen dhossaan Rabbii hin raawwatama» jedhe.

8Laagaan sami'ii dhagaye deebi'ee yoo natti dubbatu, «Ka'iitii Maleekkaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harkaa kitaaba banamte ta harka isa jirtu fudhadhu» yoo jedhu dhagaye; gara Maleekka'aa dhaqee,

9His. 2:8-10; 3:1-3 Kitaabattii diqqoo naa kenni jedheen. Innillee, «Fudhadhuutii nyaadhu; garaa keellee hin hadheessitii, afaan keetitti ammo akka dammaa mi'oofti» naan jedhe.

10Maleekkaa harkaa Kitaabattii diqqoo fudhee nyaadhe. Afaan kiyya keessatti akka dammaa natti mi'oofte; haga nyaadheen maayii garaan kiyya hin hadhaaye.

11Erm. 1:10 Gosa hedduu fi worra Yihuudotaa hin taane, «Worra Afaan adda addaa qaaqanii fi mootota marattuu deebitee raaga dubbachuu si barbaachisa» jedhamee natti himame.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help