Gara Worra Rooma'aa 10 - Kitaaba Woyyuu

1 9:1,3 Obboleewwan tiyya! mishummaan fedha garaa kiyyaa waan Israa'eliitiif kadhaan ani Rabbiin kadhadhu akka isaan fayyaniif.

2Hu. Er. 22:3 Beekumsa dhuga'aatiin waan hin taaneef malee, isaan akka Rabbiif hinaaffaa Ayyaanaa qaban anuu isaanii raga.

39:31-32 Karaa Rabbi itti qajeelaa nama taasisu wollaalu'uun hujii ufii qajeelaa faanaa deeman malee qajeellummaa Rabbii faanaa hin deemne.

4Mat. 5:17; Hu. Er. 13:39; Gal. 3:24-25; Ibr. 8:13 Worri amanan maruu akka qajeellota ta'aniif Kiristoos raawwii seeraati.

Fayyinni Nama Maraaf

5 Ser. Lew. 18:5; Gal. 3:12 Muuseen qajeellummaa seeraan ta'e, «Namni seera raawwatu isaan akka jireennaan jiraatan» barreesseera.

6Kes. Deb. 30:12-14 Qajeellummaan amanti'iin ta'e ammo akkana jedha, «Garaa kee keessatti, ‹Eentu gara sami'ii baya?› hin jedhin. Kun Kiristoosiin gadi buusu'uuf.

7Yookaan garaa kee keessatti, ‹Eentu gadi bu'a?› hin jedhin. Kunillee Kiristoosiin worra du'an keessaa baasu'uuf.»

8Haa ta'uu ammo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanti'ii ka lallabnu.

9Mat. 10:32; Qor. 2ffaa 4:5 Yesuus Gooftaa akka ta'e yoo afaan keetiin ragaa baate, Rabbi worra du'an keessaa akka isa kaase garaa kee keessatti yoo amante hin fayyita.

10Namni gara'aan amanee qajeelaa ta'a. Afaaniinillee ragaa bayee fayya.

119:33; Isa. 28:16 Kitaabni, «Ka isatti amanu maruu hin saalfatu» waan jedhuuf

121:16; Gal. 3:28; Qol. 3:11; Hu. Er. 10:34-35 Yihuudi'ii fi nama Giriikii jiddu'utti garaagarummaan hin jiru; Gooftaan tokkichi Gooftaa nama maraa waan ta'eef, worra isa waamatu maraafuu arja'a.

13Iyyu. 2:32 «Ka maqaa Goofta'aa waamu maruu hin fayya.»

14Eegasuu ka itti hin amanin attamitti waamuu danda'an? yoo hin dhageenne attamitti amanan? yoo lallabame malee attamitti dhagayan?

15Isa. 52:7 «Lutti worra dubbii gammachu'uu mishaa himanii attamitti bareede» jedhamee akkuma barreeffame, yoo hin ergamin attamitti lallaban?

16Isa. 53:1 Haa ta'uu ammo maruu dubbii gammachu'uutiif hin ajajamne. Isaayyaas, «Gooftaa keenna! Ragaa keenna eentu amane?» Waan jedhuuf.

17Yoh. 17:20; Tas. 1ffaa 2:13 Eegasuu amantiin dhagayu'uun; dhagayuunillee dubbii Rabbiiti.

18 Far. 19:4; Qol. 1:23 Haa ta'uu ammo waan hin dhageenneefii? Dhugamaan,

«Laagaan isaanii biyya lafaa maraa irratti dhagayame;

dubbiin isaaniillee haga daangaa adunya'aa baye» jedha.

19 Kes. Deb. 32:21; Rom. 11:11 Haa ta'uu ammo Israa'el waan hin beenneef mo'o? jedha. Duraan dursee Muuseen,

«Ani banii isaa ka hin taaneen isin hinaafsisa;

banii qaabii hin qabneen isin aarsa» jedheera.

20 Isa. 65:1 Isaayyaasillee uggee,

«Worra na hin sondheef argame;

worra na hin gaafanneefillee mudhadhe» jedhe.

21 Isa. 65:2 Waan Israa'eliitiif ammo, «Guyyaa maraa gara worra naa hin ajajamnee fi gara banii naan mormuu harka kiyya hiixadhe» jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help