Seera Bayu'uu 37 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Saanduuqa Waada'aa Itti Hojjatan(Ser. Ba'u. 25:10-22)

1Baasili'eelillee muka ajo'oo irraa saanduuqa waada'aa hojjate; dheerinni isaa ciqilee lamaa fi wodhakka'a; dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakkaa; ol fageenni isaa ciqilee tokko.

2Keessaa fi duuba isaa worqii mishaa dibe; naannaya isaallee worqi'iin goode.

3Qubeewwan worqi'ii afur itti godhe; miillan arfan irrattillee akkasuma godhe; gama tokkoon qubeewwan lama, gama biraatiinillee qubeewwan lama godhe.

4Loosaa baadhataniinillee muka ajo'oo irraa hojjatee worqii dibe.

5Loosaa saanduuqa waada'aa baadhataniin qaalawa keessa galche.

6Qadaada waadaa dhiifamsaa worqii mishaa irraa ka dheerinni isaa ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, ka dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa hojjate;

7Kiruubeelii lamaa worqii daakkame irraa hojjatee qadaada dhiifamsa cubbu'uu gamaa gamanaan godhe.

8Qadaada waadaa dhiifamsaa woliin kiruubii tokko gama tokkoon, kiruubii kaan gama kaaniin wolitti hojjate.

9Kiruubiinillee akka waan koola ufii ol kaafataniititti qadaada waadaa dhiifamsaa koola ufiitiin dhossanii fuula ufii wolitti deebisanii gara kiruubii qadaada waadaa dhiifamsaa laalan.

Akkaataa Gabataa Xoroshoo Woyyoome Irra Kaayan Itti Hojjataan(Ser. Ba'u. 25:23-30)

10Gabataa muka ajo'oo irraa ka dheerinni isaa ciqilee lamaa, dalgi isaa ciqilee tokkoo, ka ol fageenni isaa ciqilee tokko hojjatee,

11naannaya isaa worqii mishaa dibe.

12Naannaya goodaa isaa irratti badhinna ganaa tokko godhee, naannaya gooda'aa irratti hojjatee

13qubeewwan worqi'iin hojjatame afur roga arfan irrattuu godhe.

14Wonti gabataa ittiin baadhatan ka qaalawa keessa lufu gara qaccee gooda'aa bira.

15Waan gabataa ittiin baadhatan muka ajo'oo irraa hojjatee worqii dibe.

16Waan ittiin jissan, meeshaa gabataa woliin taa'u, xuwweewwan, mooqqaawwan, ka mijuu ittiin dhugan, waan woraabaniin worqii mishaa irraa hojjate.

Akkaataa Baattuu Ibsa'aa Itti Hojjatan(Ser. Ba'u. 25:31-40)

17Baattuu ibsa'aallee worqii mishaa irraa hojjate, miila isaatitti waan soomayyuu irratti hojjatameen godhe; waan mijuu itti dhugan maraa, qola isaatii fi abaaboo isaallee achuma irraa hojjate.

18Ladda isaatiin damee jahatu bayeef; damee baattuu ibsa'aa sadiin gara tokkotti, damee baattuu ibsa'aa kaawwanillee gara biraatiin baase.

19Damee gara tokkoo irratti qolaa fi abaaboo, waan mijuu ittiin dhugan, ka abaaboo muka lawuzi'ii fakkaatuu fi damee baattuu ibsa'aa irraan ol bayan jahanitti godhe.

20Waan mijuu ittiin dhugan ka daraaraa lawuzi'ii fakkaatu qola baattuu ibsa'aatii fi daraaraa afurii godhe.

21Damee jahan baattuu ibsa'aa irraa bayan ka gama lamaaniinuu hojjatame ka damee qola lamaaniitiin gadii tokko ta'ee ka hojjatame, qola lammataallee damee lamaa gaditti tokko ture.

22Qollinii fi dameen isa woliin tokko turan; maruu tokko ta'ee worqii mishaa irraa hojjatamee ture.

23Ibsaa torbaniif baattuu ibsa'aa, saanii isaatii fi saanii ibsaa irra kaayanillee worqii qulqullaayaa irraa hojjate.

24Meeshaa baattuu ibsa'aa maraa kiiloo giraamii soddomii shanii worqii mishaa irraa hojjate.

Akkaataa Girgiraa Hixaanaa Itti Hojjatan(Ser. Ba'u. 30:1-5)

25Girgiraa ciincaa hixaanaa itti aarsan muka ajo'oo irraa dheerinna ciqilee tokko, badhinna ciqilee tokko, ol fageenna ciqilee lama, ka badhinni isaa wol qixa ta'e hojjate.

26Naannaya isaa marattuu duraa fi duuba isaa, isa biratti gaafa worqii mishaa irraa, naannaya isaatitti goodaa worqi'ii godhe.

27Gooda'aa gaditti qubeewwan worqi'ii lama gamaa fi gamanatti; ladda lamaanittuu loosaa baadhataniin godhe.

28Loosaa baadhataniin san muka ajo'oo irraa hojjatee worqii dibe.

Akkaataa Sayitii Dibatanii Fi Hixaana Itti Qopheessan(Ser. Ba'u. 30:22-38)

29Akkuma urgooftuu mishaa worri ogeeyyiin hojjatanitti dhadhaa ejersaa qulqullaayaa hojjate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help