Seera Keessa Deebii 27 - Kitaaba Woyyuu

Seerran Rabbii Ka Dhagaa Irratti Barreeffaman

1Kanaan maayessa Muuse'ee fi jaarsonni Israa'elii akkana jedhanii banii ajajan, «Ajaja nu adha isin ajanye maraa eegaa'a;

2hennaa gara lafa Rabbi Waandhi kee sii kennutti galu'uuf Yoordaanosiin ceete dhagaa gugurdaa dhaabii nooraa dibi;

3akkuma abdii Rabbi Waandhi kee sii kenneetitti gara lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu galu'uuf Yoordaanosiin ceete; dubbii seeraa kanniin dhagaa gugurdaa irratti katabi.

4Hennaa laga Yoordaanosii ceete akkuma ani adha si ajaje dhagaa kanniin gaara Geebaalii irratti dhaabiitii nooraa dibi;

5hulee sanitti Rabbii Waaqa keetiif hulee ciinca'aa hojjadhu; huleen ciinca'aa kunillee dhagaa sibiilli hin tundhe haa ta'uu;

6dhagaa hin bocamne irraa Rabbii Waaqa keetii hulee ciinca'aa hojjadhuu achi irratti ciincaa ciincawu Rabbii Waaqa keetii dhiyeessi.

16« ‹Namni abba'aa fi haadha ufii diqqeessu ka abaarame haa ta'uu! «Baniin maruu ‹Amiin!› » jedhan.

17« ‹Namni malkata daangaa ollaa ufii dhiibu ka abaarame haa ta'uu! «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

18« ‹Namni nama jaamaa karaa irraa dabsu ka abaarame haa ta'uu!

«Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

19« ‹Namni nama namatti gale, hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaa jalaa murtii dabsu ka abaarame haa ta'uu!›

«Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

20« ‹Namni haadha manaa abbaa ufiititti oole waan abbaa ufii fafeesseef ka abaarame haa ta'uu!›

«Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

21« ‹Namni horii kamittuu oole ka abaarame haa ta'uu!›

«Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

22« ‹Namni obboleettii abbaa ufii, ta haadha ufiitii fi obboleettii ufiititti oole ka abaarame haa ta'uu!›

«Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

23« ‹Namni soddaatii ufiititti oole ka abaarame haa ta'uu!›

«Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

24« ‹Namni dhokatee dhayee nama ajjeesu ka abaarame haa ta'uu!›

«Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

25«‹Namni nama qulqulluu ajjeesu'uuf gatii fudhatu ka abaarame haa ta'uu!›

«Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

26« ‹Namni seeraa fi ajaja kanniiniillee hin ajajamne maruu ka abaarame haa ta'uu!›

‹Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help