Kitaaba Iyyoobii 40 - Kitaaba Woyyuu

1Ammallee Rabbi Iyyoobiin akkana jedhe,

2«Iyyoob! Dhugamaan namni mormu

Waaqa waa maraa danda'uun wol mormaa?

namni Rabbiin wol mormu inni deebii isaa haa deebisuu.»

Iyyoob

3Iyyoob akkana jedhee Rabbii deebise,

4«Ani namni salphataan maal sii deebisa?

Eeganaa ani ammaa achi harka

afaan kiyya irra kaayadhee cadhisuu malee

deebiin ani sii deebisu hin jiru.

5Ani hennaa tokko dubbadheera;

ammaa achi sirima hin dubbadhu.

Rabbi

6Kanaan maayessa Rabbi bubbee haboonbolatti'ii keessa ta'ee Iyyoobii akkana jedhee deebise,

7«Eeganaa akka dhiiraa mudhii kee hidhadhu;

si gaafadhaa atillee naa deebisi.

8Amma murtii kiyya hin diiddaa?

ati qajeelaa ta'u'uuf natti murteessitaa?

9Hunna akka hunna Rabbii qabdaa mo'o?

laagaa guddaa akka laagaa Rabbii qabda?

10Eeganaa ulfinnaa fi guddinna uffadhu;

arnyaa fi gaachena uffadhu,

11Lola kee isaan irratti jissii;

worra boonu maraa laalii salphisi.

12Ka boonu maraa laalii gad isaan qabi,

hammeeyyiillee hulema isaan dhaabatanitti bulleessi.

13Uffataan kafanii bakka tokkotti

biyyee keessatti awwaali.

14Hennaa san harki kee ka mirgaa akka si oolchu;

anillee ragaa sii baya.

15Ani si'ii fi ‹Biheemoot› Roophiillee akkuma si uume isallee uumeera,

inni akka sanga'aa marga dheeda.

16jabeenni isaa dudda isaa keessa;

hunni isaallee ribuu garaa isaa keessa.

17Eegee ufii akkuma haafa hindheessaa raasa;

ribuun uduuda isaa furda'aa fi mammarama'a.

18Lafeen isaa akka sibiila diima'aati;

qaamni isaa akka ulee sibiilaati.

19Inni uumama ani uume maraa keessaa korma;

ana malee ka isa mooyatu hin jiru.

20Gaara busaayaan bosonaa itti bobbayanitti

nyaata biqilchaaf.

21Inni muka gaaddisa qabu jalatti

dhoqqe'ee fi leephoo keessa ciisa.

22Munni gaaddisa qabu gaaddisa ufiitiin isa dhossa;

mukkiin galaana keessa jiruun marfama.

23lanni yoo guutee irra cambalaqe hin sodaatu;

Yoordaanos haga afaaniillee yoo guute uf hedata.

24Uduu ijji isaa argu hin qabamaa?

funyaan isaa siibo'oon qaalawa bayaa?

mo'o mummuranii adda qoodan?

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help