1Maal ati obboleessa kiyya
ka harma haadha tiyyaa hodhe uduu naa taatee;
uduu karaa irratti argee si dhungadhee;
silaa eennullee na hin tuffatu.
2Ani silaa gara mana haadha tiyya ta na deettee si seensisa;
silaa achitti waan jaalalaa na barsiifta;
daadhii woyini'ii mishaa ka akka cuunfaa roomaani'ii mi'aayu
uduu si obaasee.
3Harka ufii ka bita'aa na boraafachiisa;
harka mirgaatiin garuu na ammata.
4Isin babbareeddan Yerusaalemii!
jaalalloon kiyya haga ufiin ka'utti
akka isa hin dammassine jabeessee isin kadhadha.
Hiriyyoota Idaayyitti'ii5Gurmuu jaalalloo ufiititti irkattee
ta lafa gammoojji'iitii ol baatu tun eennu?
IdaayyittiiHulee duraan haatee ciniinsifattee si deette
muka baddeessa'aa ka urgaayu jalaa si dammasse.
6Jaalala kee ka bara baraa san onnee tiyya keessatti akka chaappa'aatitti na kaayadhu;
akka chaappa'aatitti anuma callaa harkatti qabadhu;
jaalalti akka du'aa namatti jabaatti.
hinaaffaanillee akka awwaalaatitti garaa namatti jabaatti;
arrabni isi'ii akka arraba ibiddaa ka mallisuuti.
7Baay'inni bisaanii jaalalaa dhaamsuu hin danda'u;
lolaanillee fudhatee deemu'uunii hin danda'u;
namni qabeennuma qabu maraa uduu jaalala bitu'uuf kennee
sirima hin tuffatama.
Hiriyyoota Idaayyitti'ii8Nu'u obboleettii diqqoo harma hin baafne takka qabna;
isii uduu nu gaafatanii
maal godhuu dandeenna?
9Isiin uduu dallaya taatee,
silaa goom'ee birrii sibiilaa ijaarraaf;
isiin uduu balbala dallayaa taatee
muka Libaanosiitiin itti dalloofna.
Idaayyittii10Ani dallaya;
harmi kiyyallee akka goom'ee dallaya irratti ijaarameeti;
ani yoo ija jaalalloo kiyyaa afoo jiraadhe nagayaa fi gammachuu isaa ta'a.
Hiriyyoota Idaayyitti'ii11Solomoon hulee Ba'aalhaamootiititti hulee muka woyini'ii itti dhaabatu qaba;
inni hulee muka woyinii ufii worra biqiltuu dhaabutti kireesse;
worri kireeffatan maruu saqilii kuma tokko tokko fida'aafii turan.
12Huleen dhaaba woyini'ii kiyya; kiyyuma calla'a;
Solomoon! ati birrii kuma tokkoon;
worra daraaraa san eeganiillee saqilii dhibba lamaa haa ta'uu.
Idaayyicha13«Ati idaayyittii tiyya! hulee dhaaba biqiltu'uutitti hiriyyoonni kiyya laagaa kee dhagayuu barbaadan;
mee laagaa kee na dhageessis» jedhe.
Idaayyittii14Jaalalloo kiyya! dafii gara kiyya koottu;
gaarran munni urgooftuu adda addaa itti biqilu irratti
gadamsa utaaluu fi ilmoo borofaa fakkaadhu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.