Raajii Miikiyaasii 2 - Kitaaba Woyyuu

Hiree Namoota Hiyyeeyyii Rakkisan Irra Gawu

1Worra hujii hamaa hojjachu'uuf karoorfatanii fi worra siree ufii irra ciisanii dhara yaadanii hobbaas! isaan waan san godhu'uuf waan baallii qabaniif yoo lafti bariite waan karoorfatan san hin raawwatan.

2Isaan lafa qonnaa yoo barbaadan ka nama biraa hunnaan fudhatan; manallee yoo barbaadan hunnaan fudhatan; mirga namaa dhiiba'aa qabeenna namaa saaman.

3Kanaafuu Rabbi akkana jedha, «Ani badii isinitti fida; isa jalaa sirima bayuu hin dandeettan; hennaan rakkinnaa sun waan dhufuuf uf jaja'aa jiraachuu hin dandeettan.

4Guyyaa san namoonni isinitti baldan akkana jedha'aa faaruu minsho'oo mararama'aa isinii faarsan;

«Nu'u sirima banneerra!

Rabbi qabeenna banii keennaa fudhate;

ristii keenna worra nu booji'anii qoqqoode.»

5Lafti deebitee hennaa banii Rabbiitii kennamtu isin gayee woyiituu hin argattan.

6Raattonni isaanii, «Raaga hin dubbatin; salphinni akkanaa kun waan nu irra hin geenneef waan kanniiniif raaga hin dubbatin» naan jedhan.

7Isaan uduu dubbii ufii wol irraa hin kunne! «Ijoollee Yaaqoobii kun jedhamuu barbaachisaa? obsi Rabbii dhumateeraa? kunniin waan inni hojjatee?» jedhanii gaafatan; worra jireenni isaanii qajeelee dubbiin kiyya waan mishaa isaanii hin godhuu?

8Rabbi akkana jedhee isaanii deebise; «Isin banii kiyyatti akka diinaatitti kaataniirtan; namoota nagayaa ka lolaa dacha'anii abdi'iin isin keessa lufan salphiftaniirtan;

9Dubartoota banii kiyya keessa jiran mana misha'aa fi qabeenna isaanii irraa buqqiftanii ariitaniirtan; ijoollee isaaniillee hennaa maraa eebbaa fi ulfinna kiyya irraa akka fagaatan gootaniirtan.

10Sababaa battumma'aatiif badiin guddaan waan dhufuuf kanaan hara baafachuun hin danda'amu; kanaafuu ka'a'aa deemaa'a.

11Namni tokko dubbii sobaatiin waan woyini'iitii fi waan dhuddoo jaba'aa isin barsiisa uduu jedhee isatu raatticha banii kanaa ta'a.

12«Banii Israa'elii! akkuma hoolonni gooruu keessatti, tinni hoolotaa hulee dheedanitti wolitti qabaman ani akkasuma dhugamaan worra banii Israa'elii ka hafan hulee tokkotti wolitti qaba; biyyattii keessa bani'itu guute» jedha Rabbi.

13Isaan bulchaa karaa badhisee isaanii baneen karra badhaa saniin wol faanaa yaa'an; Rabbi mootiin isaanii isaan afoo deema'aa isaan masakka.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help