Kitaaba Faaru'uu 64 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Worwaata'aa KadhatanFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate

1Waandhana! jecha mararoo kiyyaa dhagayi;

jireenna kiyya dhaaduu diinaa jalaa golgi.

2Murtee diddaa hammeeyyi'ii jalaa na dhossi;

gumii worra dhibuu jalaa na golgi.

3Isaan arraba ufii akka guraade'eetitti qaran;

jechoota isaanii ka summi'ii

akka ebo'ootitti qiiman.

4Isaan riphanii nama qulqulluu iddan;

dimmaa isa iddan; hin sodaataniin.

5Waan hamaa raawwachu'uuf

woliin mari'atan;

Seeritti siiboo dhaabu'uuf mari'atan

«Eentu nu arguu danda'a?» woliin jedhan.

6Dhara dhayan;

akkasuma, «Seera qindeessinee qopheessineerra» jedhan.

Ajaa'iba! garaan isaa; sammuun isaallee

attam badha'a!

7Rabbi garuu eboo ufiitiin isaan idda;

isaan dimmaa madaayan.

8Arrabuma isaaniitiin isaan gufachiisa;

badii isaanitti fida;

ka isaan laalu maruu

teejjabbi'iin mataa ufii sochoosan.

9Ilmaan namaa maruu hin sodaatan;

hujii Rabbii addaataa dubbatan;

waan inni godhe maraa cadhisanii dhudhuman.

10Balchaan Rabbitti haa gammaduu;

isa irkoo haa godhatuu;

worri garaa qajeela'aa maruu haa gammadanii.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help