Kitaaba Mootota ka 2ffaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Eeliyaas Gara Sami'ii Ol Fudhatame

1Hennaan Rabbi Eeliyaasiin haboonbolatti'iin gara Sami'ii ol fudhatu gaye Eeliyaasii fi Eelsaa'i Gelgela'aa ka'anii deeman;

2uduu karaa irra jiran Eeliyaas Eelsaa'iin, «Rabbi gara Beeteelii na ergeeraa ati asuma turi» jedheen. Eelsaa'i garuu Eeliyaasiin, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhaa sirima si biraa hin fooyamu» jedheen. Kanaafuu isaan lachuu gara Beeteelii dhaqan.

3Ijoolleen raattotaa ka Beeteeliin jiran gara Eelsaa'ii dhufanii, «Rabbi adha akka gooftaa kee si jalaa fudhachu'uuf ta'u beetteertaa?» jedhanii gaafatan.

Eelsaa'illee, «Ee beekeeraa isin garuu cadhisaa'a!» jedhee isaanii deebise.

4Kanaan maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Rabbi gara Iyyaariko'oo na ergeeraa yabo'oo ati asuma turi» jedheen; innillee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee si biraa hin fooyamu!» jedheen; Kanaaf isaan lachuu gara Iyyaariko'oo dhaqan.

5Ijoolleen raattotaa ka Iyyaarikoo keessa jiraatan gara Eelsaa'ii dhufanii, «Rabbi adha gooftaa kee akka si irraa fudhatu beetteertaa?» jedhanii gaafatan; innillee, «Ee beekeeraa; isin garuu cadhisaa» jedhee isaanii deebise.

6Kanaan maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Ana Rabbi gara laga Yoordaanosii na ergeeraa yabo'oo ati asuma turi» jedheen; Eelsaa'i garuu, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee si biraa hin fooyamu» jedhee kanaaf isaan lachuu woliin deeman.

7Ijoollee raattotaa keessaa namoonni shatamaa dhaqanii isaan irraa fagaatanii afoo isaanii hennaa dhaabatan isaan lamaanuu qarqara laga Yoordaanosii dhaabata'aaran.

8Kanaan maayessa Eeliyaas kaabbaa uffateeru mulqatee maree bisaan dhaye; bisaan addaan qoodamee isaan lachuu lafa gogaa keessa ceeyan.

9Haga laga ceeyaniin maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Uduu ani si biraa hin fudhatamne waan akka ani sii godhu barbaaddu na gaafadhu» jedheen.

Eelsaa'illee, «Hafuurri si irra jiru dachaa lamaa akka na irra ta'u si kadhadha» jedhe.

10Eliyaasillee, «Waan jabaa na gaafatte; garuu hennaa ani si biraa ol fudhatamu yoo na argite sii ta'a; yoo na hin argine sii hin ta'u» jedhee deebiseef.

11Uduu woliin qaaqa'aa taphata'aa deeman faradoon ibiddaa ka gaarii ibiddaa harkisan dimmaa jidduu isaanii seenanii isaan lachuu adda fooyan; Eeliyaas garuu haboonbolatti'iin ol fudhatame.

12Eelsaa'i waan kanniin maraa laala'aa, «Abbaa kiyya! abbaa kiyya! ati ka konkolaataa fardaatii fi faradoo Israa'elii taate» jedha'aa gara Eeliyaasii iyye; haga kana jedheen maayessa Eeliyaasiin deebi'ee hin argine; Eelsaa'i guddisee waan gaddeef uffata ufii bakka lamatti addaan tarsaase. lamaa bosona keessaa bayanii ijoollee keessaa nama afurtamii lamaa caccabsan.

25Achiin maayessa Eelsaa'i gara gaara Qarmeloosii dhaqee achiillee gara Samaariya'aa deebi'ee dhufe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help