1 2:15; Yoh. 16:12 Obboleeyyan tiyya! Ani waan isin nama fooniin yaadu taataniif, waan isin Kiristoositti amanu'utti daa'ima taataniif malee, akka waan isin nama Ayyaanaa taataniititti isinitti dubbachuu hin dandeenne.
2Ibr. 5:12-13 Haga ammaa nyaata cimaa nyaachuu waan hin dandeenneef, aannan isin woga'e.
31:10-11; 11:18; Gal. 5:19-20; Yaq. 3:14-16 Worra yaada foonii qabu waan taataniif, haga ammaa nyaata jabaa nyaachuu hin dandeettan. Hinaaffa'aa fi mormiin waan isin keessa jiruuf worra fooniin yaadu ta'uu keessanii mitii? Akka Aadaa namaatitti deddeebitanii?
4Qor. 1ffaa 1:12 Tokko, «Ani ka Phaawuloosiiti» kuun, «Ani ka Aphiloosiiti» yoo jedhe, isin akka nama yaada foonii callaa yaadu ta'uu keessanii mii?
5Eeganaa Aphiloos eennu? Phaawuloosillee eennu? Isaan tajaajiltoota isin harka isaaniititti amantan. Isaan maruu akka Gooftaan isaanii kennetti haa tajaajilaanii.
6Hu. Er. 18:4-11 Ani hin dhaabe; Aphiloos bisaan obaase, Rabbi ammo hin guddise.
7Eeganaa ka guddisu Rabbi malee, ka dhaabu yookaan ka obaasullee womaa miti.
84:5 Ka dhaabuu fi ka obaasu tokkoma. Haa ta'uu ammo martinuu akka dadhabbii ufiititti mindaa ufii fudhata. Isin maasaa Rabbiiti.
9Mat. 13:3-9; Qor. 2ffaa 6:16; Efe. 2:20 Isin gamoo Rabbiiti isa woliin waan hojjannuuf.
1015:10; Rom. 15:20; Efe. 3:2,7 Akka badhaadha Rabbii ka naa kennameetitti akka nama qaroo mana ijaaruu tokkotti hundee hundeesse; ka biraallee isa irratti ijaara. Gariin ammo isa irratti attamitti akka ijaaru uf haa eeguu.
1116:22; Hu. Er. 4:11-12; Efe. 2:20; Phex. 1ffaa 2:4-6 Ka qara hundaaye malee eennullee waan bu'uura biraa bu'uursuu hin dandeenneef, innillee Yesuus Kiristoos.
12Eennullee ammo hundee kana irratti worqi'iin yoo ta'e birri'iin, dhagaa gatii gudda'aatiin, mukaan, margaa fi maqa'aan yoo ijaare, hujiin maruu attam akka ta'e ifa baya.
134:5; Tas. 2ffaa 1:7-8 Ibiddaan waan ifa bayuuf guyyaan sun hin mudhisa. Hujiin nama maraatuu maal akka ta'e ibiddi sun hin qora.
14Eennullee hujii isaa irratti ijaaree yoo dhaabateef gatii ufii argata.
15Yihu. 23 Eennullee hujiin isaa yoo jalaa gubate hin miidhama. Badhaasa ufii hin argatu. Inni ammo hin fayya. Ta'ullee akka nama ibidda keessaa bayeetitti hafa.
16Qor. 1ffaa 6:19; Qor. 2ffaa 6:16 Isin mana Rabbii akka taatan Ayyaanni Rabbiillee akka isin keessa jiraatu hin beettanii?
17Eennullee yoo mana woyyuu Rabbii diige, Rabbi isa diiga. Manni Rabbii woyyuu waan ta'eef, inni sunillee isin.
184:10; Mudh. Yoh. 3:17-18 Eennullee uf hin sobin. Isin keessaa eennullee adunyaa tanatti waan ogeessa ta'e yoo isatti fakkaate, ogeessa ta'u'uuf gowwaa haa ta'u.
191:19-20; Iyyo. 5:13; Rom. 1:22 Ogummaan adunyaa tanaa Rabbiin afo'otti gowwummaa waan taateef, «Inni Ogeeyyii dhara isaaniitiin waan qabuuf»
20akkasuma, «Gooftaan yaada ogeeyyi'ii duwwaa akka ta'e hin beeka» jedhamee waan barreeffameeruuf.
21Wonti maruu keessan waan ta'eef, Kanaafuu eennullee namaan uf hin jajin.
221:12; 3:4; Rom. 8:38-39 Phaawuloos, Aphiloos, Keefaa, adunyaa tana, jireenna, du'a, ka qabuu fi ka dhufullee yoo ta'e maruu keessan.
23Isin ka Kiristoosiiti; Kiristoos ka Rabbiiti.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.