Kitaaba Faaru'uu 40 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu GalataaFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatitti kenname

1Gooftaa akka na gargaaruuf obsaan eeggadhe;

Inni gara kiyya deebi'e;

kadhaa kiyyallee naa dhagaye.

2Boolla nama liqimsu;

leephoo namaan citu keessaa na baase;

miila kiyya dhagaa irra dhaabe;

deemsa kiyyallee hin jabeesse.

3Jajuu Waaqa keennaa ta'u;

faaruu haarawa afaan kiyya keessa kaaye;

baay'e'etu arga; hin sodaata;

Rabbiin abdata.

4Namni Rabbiin hedoo ufii godhate;

ka gara worra uf jajuu hin laalle;

ka gara worra waaqa sobaa faanaa deemuu hin laalle;

nama eebbaati.

5Rabbii Waaqa kiyya!

maalaleen ati goote baay'e'e;

waan ati nuu karoorsite

eennullee ka himee fixuu danda'u hin jiru

hin odeessa; hin dubbadha yoo jedhe

hagaa fi laakkobsa hin qabu.

6Ati ciinca'aa fi kennaa hin barbaanne;

horii ciinca'aa ka cubbuu namaatiif ciincawu hin sondhe;

gurra kiyya garuu hin bante.

7Kanaafuu ani, «Akkuma kitaaba seeraa keessatti wonti kiyya bareeffame;

kunoo ani dhufeera.

8Waaqa kiyya! ani fedha kee raawwachuu barbaada;

seerri kee garaa kiyya keessa jira» jedhe.

9Gumii yaa'ii guddaa keessatti dhugaa kee dubbadhe;

ati balchummaa kiyya hin beetta;

ani dubbachuu hin dhiisu.

10Ani jaalala kee ka bara baraa garaa kiyya keessatti hin dhossine;

waan amanamumma'aa fi oolchuu keetii,

dhugaa ta'uu kee banii hedduu hin dhossine.

11Yaa Rabbi! ati jaalala kee ka bara baraa na irraa hin fageessin;

jaalallinii fi amanamummaa kee ka bara baraa na haa eeganii.

12Hammeenni hagaa fi laakkobsa hin qabne waan na marseeruuf

baay'inni cubbuu kiyyaa waan na qabeeruuf;

laaluu dadhabe;

rifeensa mataa kiyyaa caalaa baay'ateera;

qalbiin tiyyallee na ganteerti.

13Yaa Rabbi!

yabo'oo na oolchi;

Yaa Rabbi!

dafii na gargaari.

14Worri na ajjeessu'uuf na soqan maruu

haa mullanii; qaanayanii duubatti haa deebi'anii;

worra miidhamuu kiyya hawwan

salphinni isaan irra haa gawu.

15Worri kufuu kiyyatti «Hashu; hashu!» jedhan

saalfatanii haa mullan.

16Worri si soqan maruu

gammadanii haa burraaqan;

worri akka ati fayyiftu barbaadan maruu

«Rabbi gudda'a!» haa jedhanii.

17Waandhana! ani hiyyeessa rakkata'a;

ati garuu na hin irraanfanne;

Ati fayyisa'aa fi gargaaraa kiyya waan taateef

ammallee dafii na dhaqqabi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help