1Dubbiin raagaa ka Rabbiin irraa
gara Iyyu'eelii ilma Baatu'eelii dhufe kana;
2Isin jaarsonni waan kana dhagayaa'a!
worri Yihuudaa keessa jiraattan maruu waan kana caqasaa'a!
wonti kana fakkaatu bara keessanitti
yookaan bara abboota teessan ta durii keessatti ta'ee beekaa?
3Waan kana ijoollee teessanitti himaa'a;
ijoolleen teessanillee ijoollee ufiititti haa himanii;
ijoolleen ijoollee teessanii ammo dhaloota dhufutti haa himanii.
4Midhaan awwaannisa irraa hafe,
tuuta korophiisaa ka olii gad yaa'utu nyaate;
ka achi irraa hafellee tuuta korophiisaa ka akka kirfaffu'uu nama dhayutu
balleesse;
ka achi irraa hafe siqo'otu nyaate.
5Isin ammaa achi daadhii woyini'ii haarawa waan afaaniin hin tundheef
isin worri machooftan hirribaa dammaqa'aa booyaa'a;
isin worri daadhii woyini'ii hennaa maraa dhuddan
mararama'aa booyaa'a.
6Tuunni korophisa biraa ka laakkobsaa fi haga hin qabne;
akka loltuu nama marsuutitti gara biyya kiyyaa dhufeera;
ilkaan isaa akka ilkaan leencaati;
a'oon isaa akka a'oo leenca dhala'aati.
7Inni biqiltuu woyini'ii kiyya maraa hin balleessa;
muka hurbu'uu kiyya hin mummura;
haga haafni isaanii adii ta'anii mudhatanitti;
quuncee isaa quuncisee gate.
8Kanaafuu isin akka durba jaalalloon isi'ii jalaa du'ee
uffata gaddaa uffattee boottu
booyaa'a.
9Midhaanii fi daadhiin woyini'ii ka akka kenna'aatitti mana Rabbiitiif dhiyaatu
waan dhabameef
gadoonnii Rabbiin tajaajilan haa booyanii.
10Qonni duwwaa ta'e;
midhaan badeera;
biqiltuun woyini'iillee gogeera;
sayitiinillee badeera;
kanaafuu biyyiti hin bootti.
11Qamadiinii fi garbuun, midhaan kuuwwan maruu waan badeef,
isin worri qonnaan bultan gaddaa'a;
isin abboonni biqiltuu woyini'iillee booyaa'a.
12Biqiltoonni woyini'iitii fi mukkiin hurbu'uu quureera;
biqiltuun muka roomaanii, teemirri, agamsii fi daraaraan mukaa kuuwwan maruu goganiiran;
sababaa kanaaf dhugamaan gammachuun sirima nama irraa fagaateera.
13Kennaan midhaaniitii fi daadhiin woyini'ii ka Waaqaa dhiyeessitan waan hin jirreef
isin gadoonni Waaqa kiyya tajaajiltan!
kootta'aa uffata gaddaa uffadha'aatii halkan guutuu booyaa'a!
isinillee worri hulee ciinca'aatitti tajaajiltan
banne! banne! jedhaa'a.
14Guyyaa soomaa ka addaa labsaa'a!
wol geettii ayyaanaa taasifadhaa'a!
jaarsotaa fi namoota biraa ka biyyattii keessa jiraatan maraa
mana Rabbii Waaqa keennaatitti wolitti qaba'aatii
achitti Rabbitti iyyadhaa'a.
15Banne! guyyaan Goofta'aa dhiyaateera!
guyyaan Rabbiin waan maraa danda'u badii itti fidu gayeera;
Guyyaa san hobbaas!
16Midhaan ija keenna afo'oo
gammachuunii fi ililfachuun mana woyyuu Waaqa keennaa keessaa
sirima badeera.
17Midhaan facaafame maruu biyyee keessatti shamee hafeera;
midhaan waan dhabameef huleen midhaan itti kuusan maruu duwwaa ta'eera;
gootaraan maruu diiggameera.
18Horiin marga dheedu dhabee wirtaaya;
tinni hoolotaallee beelayanii guddisanii miidhama'aaran.
19Yaa Rabbi! marga raasa'aa maraa waan ibiddi nyaateef
muka bosonaallee waan ibiddi gubeef
ani gara kee iyya.
20Laggiiwwan waan jalaa goganiif,
margi raasa'aa maruu waan jalaa gubateef
bineensonni bosonnallee gara kee iyyan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.