1Waandhana! hin cadhisin;
Waandhana! cadhiftee hin laalin.
2Diintonni tee attamitti akka kakka'an;
nyaapholeen tee attamitti akka mataa ol qabatan laali.
3Banii kee irratti dhara tumatan;
ijoollee tee ta jaalatamte irratti mari'atan.
4«Ammaa achi maqaan Israa'elii akka hin qaabatamne;
akka banii hin taane koottaa isaan haa balleessinuu» jedhan.
5Yaada tokkoon wolii galanii mari'atan;
si irratti wolii kakatan.
6Daaseewwan Eedoomiitii fi ka worra Ismaa'elii;
daaseewwan Moo'aabiitii fi ka worra Aggaarotaa;
7Geebaal, Amoonii fi Amaaleqi,
Filisxeemiillee banii Xiroosii woliin
dhara dhayan.
8Asoor isaaniin wolii gale;
ijoolleen Looxiillee gargaaraa isaanii ta'an.
9Akkuma worra Miidiyaamii irratti goote
isaan irrattillee godhi;
wonti ati laga Qiisooniititti Siisaara'aa fi Iyyaabiisiin irratti goote
isaan irra haa gayu.
10Isaan Ayindooritti badan;
akkuma shufuroo lafaa ta'an.
11Qondaaltota isaanii akka Heereebiitii fi akka Zeebii;
abboota murti'ii isaanii maraa akka Zabiheeliitii fi akka
Silmaana'aa isaan godhi.
12Kunniin worra «Hulee Rabbii ka margaa;
fudhannee kenna haa taasifannuu» worra jedhan.
13Waaqa kiyya! akka daaraa haboonbolatti'iin oofamuu;
akka buraa qilleensa afo'oo isaan taasisi.
14Akkuma ibiddi bosona gubu;
akkuma arrabni ibiddaa gaara gubu,
15Akkasuma bubbee keetiin isaan ari'i;
dambalii keetiin isaan naasisi.
16Yaa Rabbi! akka maqaa kee hawwan;
fuulli isaanii haa saalfatu.
17Baraa haga bara baraa haa saalfatan;
haa raafaman;
salphatanii haa badan.
18Akka maqaan kee Rabbiin callaa ta'e;
akka ardii maraa irratti ka maraa ol taate haa beekanii.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.