1Kanaafuu isin worra Israa'elii obboleeyyan keessan ka dhiiraa, «Amii » obboleeyyan teessan ta intalaa «Ruhaamaa» jedha'aa maqaa moggaasaa'a.
Baniin Israa'elii Waan Amanamuu Dhabaniif Adabaman2Ijoollee tiyya! armaan maayessa haati teessan waan haadha manaa tiyya hin taanee fi anillee waan abbaa manaa isi'ii hin taaneef laalcha seebarumma'aatii fi seebara ufii akka dhiiftu isii gorsaa'a.
3Isiin yoo deebi'uu baatte garuu akka guyyaa dhalatteetitti qullaa isii hambisa; akka lafa gogee duwwaa ta'ee isii taasisa; dheebu'uun isii ajjeesa.
4Ijoolleen isi'ii waan intala seebartu irraa dhalataniif ani garaa isaanii hin laafu.
5Haati isaanii waan seebartuu taateef isiin akkaataa nama saalfachiisuun isaan ulfoofte; isiin wonti waan kana gooteef jaalalloota tiyya ka buddeena, bisaan, uffata suufi'iitii fi jirbii irraa hojjatame, sayiti'ii fi waan dhugu naa kennan duukaa deema jetteeti.
6Kanaafuu ani karaa isi'ii qore'een cufa; karaa baatuun akka hin arganne naannaya isi'ii dhaga'aan dallaya.
7Isiin jaalalloota ufii duukaa deemti; garuu isaan dhaqqabuu hin dandeettu; isaan soxxi; garuu isaan hin argitu; isiin ani ammaa achi jireenna ammaa irra ka durii naa woyya; kanaafuu gara abbaa manaa kiyya ka duraa deema jetti.
8Isiin ka midhaan, daadhii woyini'ii dhadhaa ejersaa kenneef akka ana ta'e sirima hin hubanne; meeti'ii fi worqii ani guddisee isi'ii kenne waaqa tolfamaa Ba'aal jedhamee waamamuu dhiyeessite.
9Midhaan hennaa haama'aa woyiniillee hennama inni gayetti jalaa fudhadha; uffata suufi'ii fi jirbii irraa hojjatame ka nafa ufii qulla'aan dhoffattullee jalaa fudhadha.
10Ani jaalalloo isi'ii afo'otti qulla isii hambisa; ka harka kiyyaa isii hambisu hin jiru.
11Ani ayyaannan isiin itti gammaddu ka sambattanii, ka wogga'aatii fi ka ji'aa maraa hin balleessa; ayyaannan isi'ii ka addaa maraa akka isiin hin kabajjine taasisa.
12Biqiltuu woyini'iitii fi muka hurbu'uu ka isiin jaalalloo ufii irraa fudhatte hin bubuqqisa; qonna isi'ii ka woyini'iitii fi ka daraaraa gara garaa gara bosonaatitti jijjiira; bineensonni bosonaallee isa nyaatan.
13Ani isiin ana dhiiftee waan waaqa tolfamaa «Ba'aal» jedhamuu hixaana aarsa'aa faaya gara garaa godhattee jaalalloota ufii duukaa deemteef isii adaba jedha Rabbi.
Jaalala Rabbi Banii Ufiitii Qabu14Kanaafuu ani deebi'ee gara lafa gammoojji'ii isii fidee achitti dubbii jaalalaatiin sossobee isii gorsa.
15Dhaaba woyini'ii ka duraa isi'ii deebisa dhooqa rakkinnaallee akka balbala abdi'ii isi'ii ta'u godha; achitti hennaa biyya Misiriitii baatu akka hennaa ijoollumma'aan jirtuutitti gammachu'uun faarfatti.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.