1Namni jaalalloo ta'uu hin barbaanne
fedha ufii callaa hordofa;
murtii qajeelaa maraa hin morma.
2Gowwaan hubannaa irraa dheebuu hin bayu;
garuu yaada ufii ibsachu'utti gammada.
3Hammeenni yoo dhufu tuffiin duukaa deema;
saalfachuu woliin salphinni dhufa.
4Jechoonni afaan namaatii bayan
akka bisaan gad fago'ooti;
burqaan ogumma'aa akka bisaan fincaaya'aati.
5Nama hama'aa dalamuun,
qulqulluullee haqa dhooggachuun
waan ta'uu miti.
6Arrabni gowwa'aa lola itti fida;
afaan isaallee dhaanamu'uun isa gaya.
7Gowwaa arraba isaatitu isa balleessa;
waan afaan isaa dubbateen qabama.
8Dubbiin ka nama hamatuu akka midhaan mi'aayuuti;
lufee keessa namaa gad seena.
9Namni hujii ufiititti hajaa hin qabne,
obboleessa ka waa balleessuuti.
10Maqaan Rabbii akka gamoo jaba'aati;
balchaan gara isaa fiigee itti daadayata.
11Qabeenni dureeyyi'iif akka qachaa kushee itti ijaaraniiti;
isaan akka gamoo dheeraa irra bayuu hin dandeenneetitti laalan.
12Namni uduu hin kufneen dura uf keessa boona;
kasummaan garuu ulfinna dursiti.
13Uduu hin caqasiniin dura ka deebii deebisu
gowwumma'aa fi salphinna isatti ta'a.
14Nama hennaa dhibe'ee yaanni hin irkisa;
yaada cabe garuu eentu baadhatuu danda'a?
15Garaan nama hubata'aa beekkumsa bitata;
gurri ogeessaallee jabaatee barbaada.
16Waa kennuun ka waa kennuu karaa banti;
namoota gugurdaa afoollee isa dhiyeessiti.
17Ka dura dhufee hajaa ufii himatu;
waan dhugaa qabu fakkaata;
kun haga ka himatu dhufee qoratuuf calla'a.
18Hixaa buusuun mormii qabbaneessa;
jajjabaa wol himatanillee adda dhoogga.
19Obboleessa gufatu deebisuun qachaa marsaa qabu caalaa namatti jabaata;
lolli isaallee akka cufanaa gamoo jaba'aati.
20Namni daraaraa afaan ufiitiin garaa guuttata;
oomisha arraba ufiitiin dheebuu baya.
21Arrabni hunna du'aa fi jireennaa qabdi;
worri isii jaalatullee daraaraa isi'ii nyaatan.
22Namni haadha manaa michuu argate eebba argate;
Rabbiin biraallee gaachena argata.
23Hiyyeessi shelachu'uun araara kadhata;
dureessi garuu maal na godhani'iin deebisa.
24Namni jaalalloo baay'isu badi'iif uf saaxila;
garuu jaalalloon obboleessa caalullee hin jira.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.