1Yooseef namoota isa bira dhaabatan maraa afo'otti obsuu dadhabee laagaa ufii ol qabatee «Namoota kanniin na irraa baasaa'a» jedhee dubbate; inni eennuun akka ta'e hennaa obboleewwan ufiititti himu, namni biraa ka achi dhaabate hin jiru.Hu. Er. 7:13
2Inni hennaa laagaa ufii ol qabatee booyu namoonni biyya Misiriitii fi namoonni mana Fari'oonii keessa jiran dhagayan.
3Yooseef obboleewwan ufiitiin «Ani Yooseef obboleessa keessan; abbaan kiyya haga adhaa lubbu'uun jiraa?» isaaniin jedhe; obboleewwan isaallee waan nayaniif isaa deebisuu hin dandeenne.
4Hennaa san Yooseef obboleewwan ufiitiin «As natti siiqaa'a» jedhe; isaanillee itti siiqan; inni «Ani obboleessa keessan Yooseef ka isin worra biyya Misiriititti gurgurattan;
5na gurgurachuu keessanitti gaabbitanii hin gaddinaa'a; hin qunqunfatinaa'a; waan Rabbi lubbuu namootaa oolchu'uuf isin afo'otti na ergeef.
6Woggaan lamaan kun biyya lafaa irratti beela waan ta'eef woggoonni lafa hin qonnee fi hin haamne shantu hafe.
7Rabbi lafa irratti isin hambisu'uu fi qorsa ta'ee isin jiraachisu'uuf isin afo'otti na erge.
8«Ka garana na erge Rabbi malee isinii miti; Rabbi garana na ergee Fari'oon akka abba'aa mana ufii maraa irratti goofta'aa fi biyya Misirii maraa irrattuu bulchaa na taasise.
9Amma daddafa'aa abbaa kiyya bira dhaqa'aatii ‹Rabbi biyya Misirii maraa irratti gooftaa na taasiseeraa hin turinii dafii gara kiyya koottu;Hu. Er. 7:14
10biyya Geeseemii teettaa; gara kiyyallee hin dhiyaattaa; atii fi ijoolleen tee, ijoolleen ijoollee teetii, hoolonni tee, sa'ooleen teetii fi loowwan kee maruu,
11akka hin rakkanne si'ii fi namoota mana keetii maraa, waan ati qabdu maraa hin nyaachisa; beelli woggaa shanii waan hafeeruuf» jedheen.
12«Waan kana ka isinitti dubbate ana akka ta'e isinii fi obboleessi kiyya Biiniyaamillee argitaniirtan;
13ulfinna ani biyya Misiriititti qabu kanaa fi waan ijaan argitan maraa abbaa kiyyatti hima'aatii daddafa'aa abbaa kiyya as fidaa'a» jedhe.
14Achiin maayessa morma obboleessa ufii ka Biiniyaamii qabatee booye;
15obboleewwan ufii maraa dhungatee booye; achiin maayessa obboleewwan isaa isa woliin dubbachuu jalqaban.
16Obboleewwan Yooseefii akka dhufan mana mootummaa Fari'ooniititti dhagayame Fari'oonii fi worri baallii qaban hin gammadan;
17Fari'oonillee Yooseefiin «Obboleewwan kee harriin fe'atanii gara biyya Kana'aanii akka galan isaanitti himi;
18abbaa ufiitii fi maatii ufii qabatanii haa dhufanii; anillee eebba biyya Misirii maraa isinii kennaa; isinillee nyaata gayaa argattanii gammachu'uun jiraachuu hin dandeettan.
19Atillee obboleewwan keetiin «Lafa biyya Misirii keessa daa'imman teessanii fi dubartoota teessan maraafuu konkolaataa fardaa fuudhaa'a; abbaa keessanillee qabadha'aa koottaa'a;
20meeshaa keessan maraafuu hin yaadinaa'a; eebbi biyya Misirii keessa jiru maruu keessan waan ta'eef isaaniin jedhi» jedheen.
21Ijoolleen Israa'elii akkuma inni jedhe godhan; Yooseefillee ajaja Fari'ooniitiin konkolaataa fardaatii fi dhalee kara'aa isaanii kenne;
22Maraafuu uffata jijjiiratan lama lama kenneef; Biiniyaamii saqilii dhibba sadihii fi uffata jijjiiratu shan kenneef.
23Abbaa ufiitiifillee akkuma san ergeef; harriin kudhanitti waan mishaa biyya Misirii keessatti argamu fe'ee ergeef; akkasuma hennaa dhufuuf harriin dhadhaltu'utti dhalee karaa irratti isaaniif ta'u fe'ee qamadi'ii fi buddeena ergeef.
24Yooseef obboleewwan ufiitiin «Kara'atti wol hin lolinaa'a» jedhee isaan geegessee nagaya isaanitti dhaamate.
25Isaanillee deemanii biyya Misirii keessaa bayanii biyya Kana'aanii abbaa ufii Yaaqoobiin bira gayanii,
26«Yooseef lubbu'uun jira, biyya Misirii maraa irratti bulchaa ta'eera» jedhaniin. Yaaqoob guddisee naye; isaan hin amanne.
27Waan Yooseef jedheen maraa isatti himanii konkolaataa fardaa ka Yooseef akka Yaaqoobiin fuudhaniif erge haga arge hin gammade;
28Israa'elillee, «Yoo ilmi kiyya Yooseef lubbu'uun jiraate na gaya; ani uduma hin duune isa argu'uuf dhaqa» jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.