1Dubbiin Rabbii Waaqa Israa'elii ka gara Ermiyaasii dhufe kana; Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha,
2«Dubbii ani sitti hime maraa kitaaba irratti barreessi.
3Banii kiyya Israa'elii fi banii Yihuuda'aa deebisee lafa abboota isaanii ta duriitii kennetti isaan deebisa; isaanillee lafa san ta ufii taasifatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
4Wonti Rabbi banii Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aatiin jedhu kana,
5«Laagaa nama sodaachisu dhageenneerra;
laagaan sun ka nama sodaachisu malee ka nagayaatii miti.
6Mee dhaabadha'aa yaadaa'a!
dhiirti ciniinsifattee dayuu dandeettii?
eeganaa maaf dhiirti maruu akka dubartii deettuutitti
harka ufiitiin ka mudhii ufii qabatanii fi fuula badaniiran arga'aara ree?
7Guyyaan sun guyyaa atta nama rakkisu!
guyyaan akkasii sun hin jiru;
worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobiitii bara rakkinnaa ta'a;
ta'ullee isaan rakkinna san maraa jalaa hin hafan.
8Waandhi banii maraa akkana jedha, «Hennaa guyyaan sun gaye qambaraa bulchiinsaa ka lum'a banii kiyyaa irratti fe'ame hin cabsa; achiin maayessa isaan banii ormaatii garbicha hin ta'an;
9Bikka san isaan ana Waaqa ufiitii sagadan, isaan mootii ani teessoo fiixaa Daawitii irra kaayu jalatti bulan.
10Isin worri Israa'elii ijoollee Yaaqoobii tajaajilaa kiyyaa,
hin sodaatinaa'a, abdii hin kutatinaa'a;
ani nagayaan biyya fago'oo isin deebisaa; ijoollee teessanillee
biyya isaan itti booji'amanii hin deebisa;
worri Israa'elii deebi'anii nagaya argatanii
sodaa malee jiraatan.
11Ani isin woliin ta'ee isin fayyisa;
banii ormaa ka ani keessa isin bittinneesse maraa hin balleessa,
isin garuu hin balleessu;
ta'ullee adabbii malee isin hin dhiisu; hagatti isin adaba;
ka waan kana dubbate ana Rabbi»
12Rabbi banii ufiitiin akkana jedha,
«Madaan keessan ka hin fayyine,
guddiftanii miidhamtaniirtan.
13Namni isinii falmu hin jiru;
madaa keessaniif qorichi hin argamu;
hin fayyitanille'e.
14Goshoonni keessan maruu isin irraanfataniiran;
isaan isin hin barbaadan;
cubbuun keessan guddatee
hammeenni keessanillee guddisee waan guddaa ta'eef,
ani akka diinaatitti isin dhaye;
uduu garaa isinii hin laafne isin adabe.
15Cubbuun keessan guddatee
hammeenni keessanillee guddisee waan guddaa ta'eef,
waan fayyummaan isinii hin argamneef,
waan dhukkubbii madaa keessaniitiif hin gunguminaa'a;
ani akka kanaan isin adabaa.
16Garuu worri akka marga horiin dheeduutitti isin dheedan maruu,
isaanillee akkasuma hennaa ufiititti dheedamanii nyaattaman;
diintonni teessan maruu booji'amanii fudhataman;
worri isin saamuu barbaadan maruu hin saamaman;
worri isin jalaa waa fudhatan isaan jalaallee akkasuma akka waa fixan godha.
17Diintonni teessan Tsiyoon akkuma gatamtetti hafa'aarti;
namni isii oolchu hin jiru yoo jedhanillee
ani dhibee keessan maraa irraa isin fayyisa,
madaa keessanillee hin fayyisa;
ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
18Rabbi akkana jedha,
«Ani mana ijoollee Israa'elii deebisee ijaara;
maatii isaanii maraafuu hin araarama;
qachaan Yerusaalemii deebitee ijaaramti;
manni mootumma'aallee hulee ufii ka duriititti deebi'ee ijaarama.
19Baniin achi jiraatan maruu,
faaruu galataa faarfatan;
gammachu'uun ililfatan;
hin baay'atan malee hin diqqaatan;
ani isaan kabajja; achiin maayessa hin tuffataman.
20Ijoolleen isaanii akkuma abboota isaanii ta durii sodaatamanii jiraatan;
jireenni isaan amma woliin jiraatan kun hin jabaata;
ani worra isaan hucuuca'aa ture maraa hin adaba.
21Namni isaanii isaanuma keessaa ka'ee
isaan bulcha;
ani waan ufitti isa dhiyeessuuf gara kiyya dhiyaata;
yoo kana hin taane eentu uggee gara kiyya dhiyaata?
22Isaan banii kiyya ta'an;
anillee Waaqa isaanii ta'a;
ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
23Lolli Rabbii ka akka haboonbolatti'ii akka qilleensa jaba'aatitti gara gaggala'aa mataa worra hammeeyyi'iititti bu'a.
24Dheekkamsi Rabbii jabaan waan huju'uuf karoorfate uduu hin raawwanne hin deebi'u; yoo hennaan gaye baniin maruu waan kana maraa addaataa hubatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.