1Rabbi Gooftaa kiyyaan,
«Diintota tee ejjata luka keetii jala
haga sii godhutti mirga kiyya taa'i» jedheen.
2Rabbi ulee tee cimtuu Tsiyooniin keessaa
gara diidaa erga;
ati diintota kee jidduu teettee bulchita.
3Guyyaa ati lolaaf baatu;
loltoonni kee fedhaan si ladda dhaabatan;
gadaamessa ganamaatii;
gaachenaa fi woyyu'uun bareeddee;
lalisuu dargaggummaa keetii akka cophaatitti
fudhatta.
4Rabbi, «Akka seera Malkasaadiqiititti;
ati baraa haga bara baraa gada'a» jedhee kakate;
Inni yaada ufii hin jijjiiru.
5Gooftaan mirga kee jira;
guyyaa dheekkamsa ufii mootota
butucha.
6Banii jiddu'utti hin murteessa;
mataa biyya maraa jiran caccabsee
reeffa isaan taasisa.
7Bisaan dhangala'aa qarqara kara'aa jirtu irraa dhuga;
kanaaf mataa ol qabata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.