Raajii Hisqeelii 1 - Kitaaba Woyyuu

Teessoo Rabbii

1Ani uduu laga Keebaarii bira worra Yihuudotaa ka booji'aman jidduu jiru woggaa soddomeesso'oo ji'a arfeesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti samiin banamee mudhata Rabbii arge.

22Mataa uumama jiraataa sanniinii oliititti hulee mishaa dhagaa gatii gudda'aa ka calalaquun hojjatame fakkaatutu jira.Mudh. Yoh. 4:6

23Hulee mishaa san jala busaayaan maruu koola lamaan ufii gara uumama isa bira jiruu badhisee koola lamaan hafeen nafa ufii golgee dhaabateera.

24-25Hennaa bararan ka koolli isaanii wol dhayu arge; laagaan isaa laagaa galaanaatii fi laagaa loltoota hedduu akkasuma laagaa Rabbii waan maraa danda'uu fakkaata; hennaa bararuu dhiisan koola ufii cabsatan; hennaa san isaaniin gubba'atti laaga'atu dhagayame.Mudh. Yoh. 1:15; 19:6

26Hulee ijaarame san gubbaa teessoon ulfinnaa ka dhagaa bulee waan gatii gudda'aatiin hojjatame fakkaatutu badhifameera; teessoo san irra waan nama fakkaatutu taa'eera.His. 10:1; Mudh. Yoh. 4:2-3

27Mudhi'ii olitti sibiila ibidda keessa seenee diimate fakkaatuu fi mudhi'ii gaditti waan ibidda fakkaatu arge; ifa falaqqisutu naannaya isaa marseera.His. 8:2

28Ifni falaqqisu funyaan karaabaa ka hennaa roobaa duumessa keessaan mudhatu fakkaata; kun bifa mudhachuu ulfinna Rabbii fakkaata; ani hennaa waan kana arge kallachaan lafatti gad kufe; achiin maayessa laagaa dubbi'ii dhagaye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help