1Worri Yerusaalemiin keessa jiraatan Akaaziyaasii mucaa maandha'aa bikka Iyyooraamii moosisan; worri biyya Arabaatii fi worri isaan woliin jiran hangafoota isaa waan fixanii turaniif Akaaziyaasii ilma Iyyooraamii moosisan.
2Akaaziyaas hennaa moowu nama woggaa diddamii lamaa ture; Yerusaalemitti woggaa tokko bulche; haati isaa Gotoliyaan mucattii Zambariiti.
3Haati isaa waan waan hamaa isa gorsituuf innillee akkuma maatii Aki'aabii hammeenna hojjate.
4Haga abbaan isaa du'een maayessa hammeennuma maatiin Aki'aabii hojjate san hojjate, worri isa gorsu sunniin haga badanitti isa gorsa'aa turan.
5Innillee gorsa isaanii hordofee Iyyooraamii ilma Aki'aabii mootii Israa'elii woliin mootii biyya Sooriya'aa Azaaheliin Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu keessatti lolu'uuf dhaqee worri biyya Sooriya'aa isa madeessan.
6Inni hennaa mootii biyya Sooriya'aatiin Reemaatii biyya Gala'aadiititti wol lole madaa worri biyya Sooriya'aa isa madeessan san yaalamu'uuf gara Yisiraa'elii dhaqe; Iyyooraam waan madaan sun guddisee isa dhukkubuuf mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyooraamiin gaafachu'uuf isa bira dhaqe.
7Wonti Akaaziyaas Iyyooraamiin gaafachu'uuf deemeef Rabbi akka Akaaziyaas isa laalu'uuf dhufuu isaatiin akka Akaaziyaas badu waan barbaadeef; hennaa Akaaziyaas Iyyooraamiin bira jiru isaan lachuu Iyyuu ilma Naameesii ka Rabbi mootummaa Aki'aabii balleessu'uuf filate simachu'uuf bayan.
8Iyyuun hennaa mana mooticha Aki'aabii irratti murtii Rabbi kenne san raawwata'aa jiru, abboonni murti'ii ta biyya Yihuuda'aatii fi obboleewwan Akaaziyaasii ta Akaaziyaasiin gargaara'aa turan maraa argee ajjeese.
9Akaaziyaasiinillee soqanii Samaariyaa keessatti isa arganii Iyyuu bira fidanii isa ajjeesan; akaakayyuun isaa garuu Iyyoosaafixi qajeellumma'aan waan Rabbiif hojjata'aa tureef kabajjaa isaatiif jedhanii reeffa isaa awwaalan; fiixaa Akaaziyaasii keessaa namni mootii ta'u tokkollee hin hafne.
Gotoliyaa Mootittii Biyya Yihuuda'aa(Mot. 2ffaa 11:1-3)10Gotoliyaan haati Akaaziyaasii akka ilmi isi'ii du'e haga argite kaatee fiixaa mootota Yihuuda'aa maraa fixxe.
11Yoosaabeeti mucattiin mootichaa garuu ijoollee mooticha Akaaziyaasii keessaa Iyyoo'aasiin fuutee dhossite; isaa fi ta isa guddiftullee golatti dhossite; akka kanatti isiin Iyyoo'aasiin dhossitee Gotoliyaa harkatti akka hin duune goote.
12Bara mootittiin Gotoliyaan bulchite, Iyyoo'aas mana woyyuu keessatti haga woggaa jahaa guutuu dhokatee jiraate.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.