Kitaaba Faaru'uu 45 - Kitaaba Woyyuu

Weedduu JaalalaaFaaruu jaalalaa ka barumsa ijoollee Qore'ee ka laagaa Tsiggeerada'aatiin bulchaa faarfattootaatii faarfatan

1Garaan kiyya yaada mishaa burqisiise;

weedduu weeddise mooticha dhageessisa;

arrabni kiyya akka qalama akka misha'atti barreessuuti.

2Ati ilmaan namaa maraa caalaa guddiftee bareedda;

afaan kee jecha ayyaana qabu burqisiisa;

kanaafuu Rabbi baraa haga bara baraa si eebbiseera.

3Mootii jabaa! ulfinnaa fi gaachena uffadhu;

guraadee kee hidhadhu.

4Waan dhuga'aatiif, waan qajeellumma'aatii fi

kasoomu'uun gaachena kee uffadhuu mooyachu'uuf deemi;

harki kee ka mirgaa hujii maalale'ee haa mudhiftu.

5Eboon kee qarama'a;

garaa diintota keetii hin woraana;

mootonnillee mooyatamanii luka kee jalatti kufan.

6Waandhana! teessoon kee baraa haga baraa dhaabata;

uleen mootummaa keetii ulee qajeellumma'aati.

7Ati balchummaa jaalatte;

diddaa hin jibbite;

kanaafuu Rabbi Waandhi kee si filate;

hiriyyoota kee caalaa

dhadhaa gammachu'uu si dibe.

8Urgooftuun karbee, muka hadhaaya'aa fi

ham'ee irraa hojjatame

uffata kee ka mootumma'aa irratti biifameera;

kiraarri faaru'uu ka laagaa guddaa dhageessisu

mana mootumma'aa kee ka ilkaan arbaatiin bareede keessatti si gammachiisa.

9Dubartoota tee ta kabajjaman ta mana mootumma'aa keessatti argaman keessa,

ijoollee moototaa ta intalaatitu argama;

mootittiin uffata worqii mishaa irraa hojjatame ka calanqisu bareedaa uffattee

teessoo kee cinaa mirgaatiin dhaabatteerti.

10Mucattii tiyya!

caqasi; hubadhu;

gurra kee as qabadhu;

banii keetii fi mana abbeetii irraanfadhu.

11Mootichi bareeda keetiin booji'ameera;

inni gooftaa kee waan ta'eef kabajjiin.

12Namoonni biyya Xiroosii kennaa sii fidan;

dureeyyiin garaa si laaffifachu'uuf sitti deddeebi'an.

13Mootittiin mana mootumma'aa keessa jiraattu qandhafteerti;

uffanni isi'iillee worqi'iin midhaageera.

14Uffata bareedaa uffattee

gara mootichaa dhaxxi;

dubartoonni jaala isi'ii ta'an isii marsan.

15Gammachuu gudda'aan burraaqa'aa

isii woliin gara mana mootichaa seenan.

16Bikka abbootii keetii ijoolle'etu sii dhalate;

ardii maraa irratti bulchoota taasiftee isaan moosifta.

17Ijoolleen tee ilmaan ilmaan ufiititti waan kee himan;

kanaafuu baniin maruu baraa haga bara baraa si jalatti bulan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help