1Mootichi Daawitii fi bulchoonni Leewwotaa Asaaf, Eemaanii fi ijoollee Yidutu'uu, faaruu Hafuurri Woyyuun isaanii kenne masiinqo'oon, meeshaa sagalee guddaa dhageessisuun, meeshaa shaka shaka jedhuun isaan marsanii akka faarfataniif isaan fooyan; maqaan worra tajaajila kana tajaajilanii
2Ijoollee Asaafii keessaa Zaakuur, Yooseef, Nataaniyaa, Ashar'el; ijoolleen Asaafii kunniin worra nama ajaja mootichaatiin raaga dubbate Asaafiin jala jiru,
3Gosa Edootaamii keessaa ijoolleen Edootaamii Godoliyaas, Xirii, Yeshaayaa, Saame'i, Hashabiya'aa fi Matitiya'a; jahan kunniin worra abbaa ufii ka ajaja mootichaatiin raaga dubbate jalatti masiinqo'oon galataa fi ulfinna Rabbiif dhiyeessan.
4Ijoollee Eemaanii keessaa Buqiyaa, Mataaniyaa, Azaar'eel, Iyyaarimuut, Hanaaniyaa, Hanaani, Eelyaataa, Gidooti, Roomaanti'eezar, Yooshbiqaashaa, Malooti, Hutiirii fi Mahaazootiin fa'a;
5Kunniin maruu worra xurumbaa guddisanii haa afuufani'iif filataman; ijoollee Eemaanii ka akka jecha Rabbiitiin mootichaa raaguuti; Rabbi Eemaaniif ijoollee dhiiraa kudha afurii fi ijoollee intalaa sadihi kenneef.
6Kunniin maruu worra mana Rabbii keessatti meeshaa shaka shaka jedhuun, meeshaa laagaa guddaa dhageessisuun akka faarfataniif mana woyyuu Rabbii keessattillee abbaa ufii Asaafiin jalatti tajaajila'aa turan; Asaaf Edootaamii fi Eemaan ajaja mootichaa jalatti bulan.
7Ogeeyyiin isaanii obboleewwan isaanii woliin worri Rabbiin tajaajilu'uuf beekkumsa qaban wolumaa galatti namoota dhibba lamaa fi saddeettamii saddeet.
8Gayee hujii isaanii isaanii kennu'uuf jaarsa ta'ee'e ka'ima, barsiisaa ta'ee'e barataa, nama kamiinuu uduu wol hin caalchine hixaa buusa'aa turan.
9Hixaan jalqabaa Yooseefii gosa Asaafiitiif.
hixaan lammeesso'oo Godoliyaasiif; inni obboleewwan woliin namoota kudha lama.
10Hixaan sadeesso'oo Zakuurii fi obboleewwan isaatiif baye; maatiin isaaniillee kudha lama.
11Hixaan arfeesso'oo ijoollee Yixiriitii fi obboleewwan isaaniitii baye; maatiin isaanillee wolumatti qabaa namoota kudha lama.
12Hixaan shaneesso'oo Naataaniya'aa fi obboleewwan isaanii kudha lamaanii baye.
13Hixaan jaheesso'oo Buqiya'aa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
14Hixaan torbeesso'oo Yishiri'eeliif, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
15Hixaan saddeetesso'oo Yeshayaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
16Hixaan salgeesso'oo Maataaniyaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaanii kudha lamaaniif baye.
17Hixaan kudhaneesso'oo Saame'i, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
18Hixaan kudha tokkeesso'oo Azaari'eel, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
19Hixaan kudha lammeesso'oo Hashaabiyaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
20Hixaan kudha sadeesso'oo Subaa'el, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
21Hixaan kudha arfeesso'oo Maatiyaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
22Hixaan kudha shaneesso'oo Iyyaarimuut, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
23Hixaan kudha jaheesso'oo Hanaaniyaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
24Hixaan kudha torbeesso'oo Yooshbiqaashaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
25Hixaan kudha saddeetesso'oo Hanaanii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
26Hixaan kudha salgeesso'oo Malootii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
27Hixaan diddameesso'oo Eeliyaataa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
28Hixaan diddamii tokkeesso'oo Hotirii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
29Hixaan diddamii lammeesso'oo Gidooliiti, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
30Hixaan diddamii sadeesso'oo Mahaaziyootii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
31Hixaan diddamii arfeesso'oo Roomaanti'eezarii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.