Raajii Hisqeelii 6 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Waaqeffannaa Waaqolee Tolfama'aa Morme

1Rabbi akkana jedhee natti dubbate,

2«Ilma namaa! gara gaarran Israa'elii laalii isaanitti raaga dubbadhu.

3Gaarran Israa'elii dubbii Rabbii maraa olii akka dhagayan isaanitti himi; dubbiin ani Rabbiin maraa olii dubbadhu gaarran, tulloonni, qileen hedduutii fi dhoondhi maruu haa dhagayanii; guraadee hulee isin itti sagaddan ka waaqa tolfama'aa san balleessu isaanitti ergaa.

4Huleen ciincaa itti dhiyeessan maruu hin diiggama; miini hixaana ittiin dhiyeessan maruu hin caccaba; reeffa namoota ajjeesanii waaqolee tolfamaa biratti gatan.

5Reeffa banii Israa'elii akka hulee waaqolee tolfama'aa biratti gatan taasisa; lafee isaanii naannoo hulee ciinca'aatitti bittinneessa.

6Qachoonni isin keessa jiraattan maruu ona ta'an; huleen isin itti sagaddan gugurdaan hin diiggama; huleen ciinca'aa keessan diiggamee daaraa ta'a; waaqoleen tolfamaan keessan caccaba'aa kufan; meeshaan keessan ka isin hixaana ittiin dhiyeeffatan hin caccaba; wonti isin hojjattan maruu duwwaa ta'a.

7Reeffa namoota qalamanii naannoo keessanitti gatan; achiin maayessa isin akka ani Rabbiin ta'e beettan.

8Garuu isin keessaa namoonni hagoon akka hafan taasisa; isin keessaa gariin waan guraadee irraa haftaniif gara banii biyya biraa dheessitanii baqattanii bittinnooftan.

9Isin worri guraadee irraa haftan worra isin booji'e keessatti na qaabattan; isin onnee keessan hamaa seera kiyya irraa fagaatee fi ija teessan hamtuu waaqolee tolfamaa laaltu qaabata'aa akka na gaddisiiftan qaabattan; waan hujii keessan batti'ii fi waan hamaa gootan maraafuu uf jibbitan.

10Isaan akka ani Rabbiin ta'ee fi seerri ani isaanii kenne maruu dhaaduma callaa akka hin taane beekan; waan hamaa isaanitti fida jedhee ka dubbadhe akkanumaanii miti.

11Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Worra Israa'elii ka waan battummaa ufii maraaf beelaa, woraanaa fi bala'aan dhuman maraaf hobbaas! jedha'aa harka dhaya'aa lukaan lafa dhiita'aa gadda keessan mudhisaa'a!» jedhii iyyi.

12Worri fagoo jiran dhibamanii du'an; worri dhiyoo jiran woraanaan dhuman; worri achi irraa hafan garuu beelaan dhuman; akkaataa kanaan lola kiyya guddaa isaan irratti buusa.

13Reeffi hedduu naannaya waaqolee tolfama'aatii fi naannaya hulee ciinca'aatitti tuulama; reeffi hedduu tulluuwwan gugurda'aa fi gaarran irratti akkasuma mukkiin lalisee fi odaawwan gugurdaa jalatti fi hulee isaan waan urgaayaa waaqolee tolfamaa ufiitii dhiyeessan maraa irratti kufan; hennaa san namoonni akka ani Rabbiin ta'e beekan.

14Ani dhugamaan harka kiyya diriirsee biyya isaanii balleessa; lafa gammoojji'ii ka kibbaatii jalqabee haga qachaa Ribila'aa ta gara kaabaatitti argamtuu ona isii taasisa; hulee worri Israa'elii irra jiraatan maraa tokko uduu hin hafne balleessa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e namoonni maruu hin beekan.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help