Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 3 - Kitaaba Woyyuu

Mootichi Solomoon Akka Rabbi Ogummaa Isaa Kennu Kadhate(Sen. 2ffaa 1:3-12)

1Mootichi Solomoon intala mooticha biyya Misirii fuudhee soddoome; mana ufiitii fi mana Rabbii dallawa naannaya Yerusaalemii jirtu ijaaree haga fixuuf gara qachaa Daawitii isii fide.

2Haga hennaa sanii manni woyyuun Rabbii waan hin ijaaramneef baniin hulee itti sagadan ka tulluu gubba'aatitti ciincaa dhiyeessa'aa turan.

3Solomoon Rabbiin waan jaalatuuf seera abbaan isaa Daawiti jiraatuun jiraata'aa hulee itti sagadan ka tulluu gubba'aatitti ciincaa dhiyeessa'aa hixaanallee aarsa'aa ture.

4Gabaa'oon gaara ijoo irratti sagadan waan taateef mootichi ciincaa dhiyeessu'uuf achi dhaqe; Solomoon achi irratti ciincaa ciincawu kuma tokko dhiyeesse.

5Rabbi Gabaa'oonitti halkan eebju'uun Solomoonitti mudhatee «Maal akka sii kennu barbaadda?» jedheen.

6Solomoon Rabbiin, «Akkuma abbaan kiyya Daawiti dhugaa, qajeellumma'aa fi gara laafumma'aan si woliin jiraate ati garbicha kee abbaa kiyya Daawitii waan mishaa gooteerta; akka adha ta'e kana ilma teessoo mootummaa isaa irra taa'u kenniteefii arjummaa guddaa gooteertaaf;

7ammallee yaa Waaqa kiyya! ana garbicha kee mootummaa abbaa kiyya Daawitii irratti na moosifteerta; ani garuu mucaa diqqaa bayaa gala hin beenne.

8Huleen ani garbichi kee jiru banii guddaa laakkayamee hin dandeenne keessa jira.

9Kanaafuu akka banii keetii murtii qajeelaa kennuu danda'u, akka waan misha'aa fi waan hamaa adda baasuu danda'u ana garbicha keetii qalbii hubattu kenni; yoo kana hin taane banii guddaa hagana gawu irratti eentu murteessuu danda'a?» jedhe.

10Solomoon waan kana kadhannaan Rabbi guddisee gammade.

11Rabbi, «Murtii qajeelaa murteessu'uuf ufiif ogummaa na kadhatte malee ufii bara baay'ee jiraachuu, durummaa, diintota kee akka sii fixuuf waan na hin kadhanneef, kunoo ani waan ati na kadhatte kana sii kenneera.

12Kunoo akkuma ati na kadhatte, akkuma armaan dura namni si fakkaatu hin jirre, siin maayessallee akka namni biraa hin kaane godhee qalbii waa hubattuu fi ta ogummaa qabdu sii kenneera.

13Akkasuma mootota keessaa ka sitti qixxaayu akka hin jiraanne, ulfinnaa fi durummaa ati na hin kadhannellee sii kenneera.

14Akka abbaan kee Daawiti godhe, atillee akka fedha kiyyaatitti yoo jiraatte, seeraa fi ajaja kiyya yoo eedde akka bara dheeraa jiraattu si taasisa» jedheen.

15Solomoon hennaa hirribaa dammaqu akka Rabbi eebju'uun itti dubbata'aaru hubate; kanaan maayessa gara Yerusaalemii dhaqee saanduuqa waadaa Rabbii afoo dhaabatee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa dhiyeessee garboota ufii maraafuu nyaata qopheesse.

Murtii Solomoonii Ka Ogumma'aa

16Hennaa san dubartoonni lamaa ta seebartu dhaqanii mooticha afoo dhaabatan.

17Dubartittiin takka mootichaan, «Gooftaa kiyya! anii fi dubartittiin tun mana tokko keessa jiraanna; ani uduu isii woliin mana tokko keessa jiraannu daye.

18Haga daye guyyaa sadihiin maayessa isiinillee hin deette; nu lachuu mana tokko keessa jiraanna; nu lamaan malee namni biraa nu woliin hin jiru.

19Isiin daa'ima ufii irra waan ciifteef daa'imni isi'ii jalaa du'e.

20Isiin uduu ani rafeeru daa'ima kiyya na jalaa fudhattee uf jala raffiftee daa'ima ufii ka du'e san fuutee na jala ciibsite.

21Yoo ani daa'ima kiyya harma hoosisu'uuf ganamaan ka'u daa'imni du'eera; yoo ka'ee laalu daa'ima kiyyaa miti» jetteen.

22Dubartittiin lammeesso'oollee, «Daa'imni jiru kiyya; ka du'e keeti malee akka ati amma jedha'aartu kanaa miti» jette; akka kana jedha'aa mooticha afo'otti wol morma'aa turan.

23Kanaan maayessa mootichi, «Dubartittiin tuun, ‹Ka lubbu'uun jiru daa'ima kiyya, ka du'e garuu daa'ima isi'iiti jetti!› dubartittiin lammeesso'oo garuu, «Ka lubbu'uun jiru kiyya, ka du'e garuu ka isi'iiti!› jette jedhe.»

24Mootichi guraadee naa fidaa'a jennaan guraadee fidaniif.

25Mootichi worra guraadee qabatee gara isaa dhufe sanniiniin, «Daa'ima lubbu'uun jiru kana bakka lamatti mura'aatii lamaaniiyyuu kennaa'a» jedhe.

26Haati daa'ima lubbu'uun jiruu waan daa'imni garaa isii nyaateef, «Gooftaa kiyya! daa'ima akkuma jiruun isi'ii kenni malee hin ajjeesin!» jettee mootichatti dubbatte.

Haati daa'ima du'ee garuu, «Addaan nuu haa muranii malee kiyyallee hin ta'in; keellee hin ta'in!» jette.

27Achiin maayessa mootichi, «Daa'ima lubbu'uun jiru ka haadha akka hin duune isi'ii kennaa jetteetii isi'ii kennaa'a malee hin ajjeesinaa'a!» jedhe.

28Murtii mootichi murteesse worri Israa'elii maruu dhagayanii akka ogummaa Rabbi isaa kenne waan hubataniif mooticha kabajjan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help