Kitaaba Faaru'uu 114 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Yaadannoo Faasika'aa Ka Hennaa Baniin Israa'elii Biyya Misiriitii Bayanii

1Israa'el hennaa Misiriin keessaa bayee deemu;

hennaa manni Yaaqoobii banii afaan isaatiin addaa

irraa fooyamee yoo bayu;

2Yihuudaan mana Rabbii woyyoome;

Israa'elillee bulchiinsa isaa ta'e.

3Galaanni hin arge; hin dheesse;

Yoordaanos gara duubaa deebi'e.

4Gaarran akka korbeessa hoola'aa;

tulloonnillee akka korbeeyyi'iititti utaalan.

5Ati galaanni wonti dheessiteef;

atillee Yoordaanos wonti gara duubaa

deebiteef maal'i?

6Isin gaarran akka korbeessa hoola'aatitti;

tulloonnillee akka korbeeyyi'iititti maaf utaaltan?

7Ati ardiin! Gooftaa afo'otti,

Waaqa Yaaqoobii afo'otti holladhu.

8Inni dhagaa gara haro'oo;

dhagaa guddaa gara burqaa bisaaniititti

jijjiire.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help