Kitaaba Faaru'uu 137 - Kitaaba Woyyuu

Booyicha Worra Israa'elii Ka Booji'amee

1Hennaa laggiin Baabiloonii qarqara teenneerru;

Tsiyooniin qaabannee hin boonne.

2Achitti kiraara guddaa sagalee dhageessisu

muka Aahaya'aatitti fannifanne.

3Worri nu booji'an achitti akka faaruu isaanii faarfannu nu gaafatan;

worri nu rakkisan faaruu gammachu'uu nu irraa barbaadan akkasuma «faaruu Tsiyoonii keessaa tokko nuu faarfadhaa'a» nuun jedhan.

4Faaruu Rabbii dhiyeessuu barbaachisu

biyya ormaa keessatti akkamitti faarfanna?

5Yerusaalem! yoo si irraanfadhe,

harki kiyya ka mirgaa na haa ganu.

6Yoo si qaabachuu dhabaadhe,

waan na gammachiisu caalaa yoo sitti hin gammanne,

arrabni kiyya laagaa kiyya keessatti maxannee haa hafu.

7Yaa Rabbi! gaafa Yerusaalem qabamte

waan worri Edomiyaasii godhan yaadi;

«Akka isaan hundema irraa diigaa» jedha'aa

iyyan san qaabadhu.

8Isin ijoolleen Baabiloonii salphoon

waan isin haluu nu baataniif worri haluu isin bawu worra galataati.

9Ka daa'imman tee fuudhee dhagaa irratti

bubburussu ka galataati.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help